Sirni Gadaa horata ummata Oromoo ijoodha

Sirni Gadaa horata ummata Oromoo ijoodha. Sirni Gadaa sirna yabbuufi ulfaadha. Hundee sirnaafi seeraa, citaafi sa’aati.
Jaarraa tokkoo oliif qoqqobbii sirnootaa jala galee moggeeffamuun haphachaa turuun yaadannoo yeroo dhiyooti. Akka dhiibbaa hamaan irra tureetti kan badee hafuu ture. Haata’uutii, ummanni keenya sirnaafi aadaa isaa irratti waan cicheef deebi’uu irra darbee beekamtii idil-addunyaa argateera. Akkuma beekamu Sirni Gadaa Mootumoota Gamtoomanitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO)tti hambaa killiyyaa mitnafoo (intangible) dhala namaa ta’uun galmaa’eera.
Sirna kana itti cichee har’aan gahuu irratti Oromoon Gujii adda dureedha. Oromoon Gujii warra Gadaan bulu qofa osoo hintaane ummata hanga har’aatti wabii sirna kanaa ta’ee asiin gahe. Kanaaf, Gujiin bara 1424 irraa kaasee, jarraa jahan darbaniif Abbaa Gadaa isa hogganaa turan hunda dogoggoraafi dabsa tokko malee tarreessee himuun isaa ragaadha. Bara kanas, akkuma diroof dabareen raawwachaa dhufe sirna baallii walii dabarsuutiif Me’ee Bokkootti walgahee, safuufi seera eegee, sirnaafi ayyaaneffannaa garagaraan raawwate.
Akkuma tumaafi seera Gadaa Oromootti guyyoota torbaan darbaniif walitti fufiinsaan Me’ee Bokkootti jilli taa’ee, seera, “Wayyooma Waaqaa Lafaa akkasumas, Bulii Olii Ilmaafi Intalaa” yuba sagal teessisee lallabeera. Gumiin kun abbaa qabdi. Abbaan ishee Abbaa Gadaa Jiloo Maandhooti. Abbaa Gadaa Gujii waliigalaa ykn Haaganaa anfa marsaa 74ffaa hogganaa ture.
Sirni walharkaa fuudhinsa Baallii marsaa 75ffaa kanaan yaani doorii qachaa Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo deeme aananiifi bookaa (daraaraa) unate;
“Hoo’aa mi’ii gadaa tiyyaa
Hoo’aa itittuu gadaa tiyyaa
Hoo’aa areera gadaa tiyyaa
Hoo’aa daraaraa gadaa tiyyaa” Jechuun eebbifame.
Gadaan Gadaa Harmuufa irraa gara Gadaa Roobaleetti ce’e. Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo Baallii fudhatan! Abbaa Gadaa duraanii Jiloo Maandhoo Yuba ta’an! Dooriin Gadoome! Yaani Doorii Gadoome!
Ummanni Oromoo bifa kanaan Sirna Gadaa asiin gahe. Akka qaama dhaloota kanaatti, ardaa jilaa Me’ee Bokkootti argamee sirna baallii dabarsaa marsaa 75ffaa argee ragaa ta’uu kiyyatti hedduu gammadeera.
Galmoonni Mootumma Jijjiiramaa keenyaas ummata Oromoo aadaafi duudhaa isaatti deebisuudha. Haaluma kanaan, yeroo kamiyyuu caalaa misoomsuun fayidaa ummatichaaf oolchuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jira. Sirna Gadaa qaama sirna barnootaa taasisuun kutaa tokko irraa eegalee barsiisaa jira. Sadarkaa barnoota olaanaatti sadarkaa digrii lammaffaafi sadaffaatti xiyyeeffannoo qorannoo akka argatu jajjabeessaa jira.
Akkasumas, yaadamoota Gadaa deebisee sirneessuun ijoo itti taasisuu irratti argama. Falaasama sirnichaa irraa waraabuun Manni Murtii Aadaa hundeessuun haqa waloo mirkaneessaa jira. Tajaajila Lammummaa sirneessun misooma hawaasaa finiinsaa jira.
Aadaafi duudhaa wal oolchuufi walhirphuu deebisee gadi dhaabuuf Buusaa Gonofaa sirneessaa jira. Hirpharra darbee daa’imman mana barnootaa jiraniif nyaata madaalawaa dhiyeessuun dhaloota ijaaraa jira. Nageenya waloo mirkaneessuuf Gaachana Sirnaa lafa qabsiisaa jira. Yeroo itti aanuttis dhaabbileen humna waloo kunneen gahuumsafi dhaqabummaa isaanii bal’isaa kan deemu ta’a.
Me’ee Bokkoo lafa seenati. Jaarraa hedduuf wiirtuu tumaafi lallaba seeraa akkasumas murtiiti. Me’ee Bokkoo ardaa jilaa baalliin itti dabarfamu waan ta’eef, masaraa mootummaa Oromoo Gujiitti. Ardaa kabajaafi safeeffatamuudha. Gujiin yeroo Waaqa isaa kadhatu Me’ee Bokkoo maqaa dhahuun kanaafi.
Haaluma kanaan, Mootumman Naannoo Oromiyaa sirna walharkaa fuudhinsa Baallii marsaa 76 dura, ardaa jilaa ulfoo, Me’ee Bokkootti giddugala aadaa kan ijaaru ta’uu ifoomsaa, Ummata Gujii akkasumas Ummata Oromoo maraan, baga sirna Baallii dabarsuu Me’ee Bokkoo 75ffaa geessan, geenye jechuun barbaada. Yeroon dhufu, bara aadaan teenya lalistu, bara duudhaan teenya itti gabbatu akka ta’u hawwiin qabu ibsuun barbaada.
Gadaan quufaa gabbina;
Gadaan Roobalee misa.
Horaa Bulaa; Deebanaa!
Shere waliif godha

Leave a Comment