SHAGGAR city oromiya

“SHAGGAR lafa Horaa, SHAGGAR lafa Tolaa”
Akkuma beekamu hubannoon magaalaafi magaalummaa biyya keenyaa, seenaa hundeeffamaa dabaa magaalota biyyattii irraa kan maddudha. Akkuma yeroo adda addaa fuuluma kanarratti kaasuuf yaalle, adeemsi hubannoo dabaarraa maddu kun gama tokkoon ummata Oromoofi magaalaa dugdaafi garaa taasisuun moggeessaa ture. Gama biraatiin ammoo, magaalota man’dhee akka rakkoolee haawaas-dinagdee, dhiyeessii tajaajilaa, bulchiinsa/gaarii, mancaatiifi faalama naannoofi kkf taasiseera. Bu’uuruma kanaan, Tarsiimoon Riifoormii Magaalota Oromiyaas ta’ee, hundeeffamni magaalaa SHAGGAR, rakkoolee kunneen gama lameeninuu jiran hundeerraa hiikuu irratti fuulleffatu.
Kaayyoo Hundeeffama Shaggar
Hundeeffamni magaalaa Shaggar galma lama qaba: tokko, yaadama magaalaa eenyummaa ummata naannaawa isaa jiru hammatuufi madaqsu diriirsuun, ummata Oromoofi magaalota walitti araarsuudha. Inni lammataa, rakkoolee yaadama, caaseffamaafi bulchiinsa magaalummaa boodatti hafoo irraa dhaalamuun calaqqee magaalota keenyaa ta’an hiikuun magaalaa modeela umuudha. Kun ammoo yaadamoota “smart, compact and polycentric city” irratti kan hundeesse yoota’u, magaalicha abbaa pilaanii hirmaannaa jiraattotaafi qoodafudhattootaa taasisuun jalqabeera.
Yeroodhaaf, yaadamoota sadeen dimshaashumatti gabaabbinaan haakaafnu: hundeeffamni magaalaa Shaggar, hammattoo laalama magaalaa “Ismartii” (smart city), “Giddugaleessaa Danuu” (policentric) fi “Bir’dhuu” (compact city)’tiin kan masakamedha. Kanaanis, bu’uuraalee misoomaa “ismaartii” babal’dhisuu, teeknoolojii odeeffannoofi qunnamtii (TQO) sadarkaa olaanatti hojiirra oolchuu, giddugalawwan magaalichaa adda addaa waliin walitti, akkasumas magaalichaafi naannawa isaa walitti hidhuu, bulchiinsafi tajaajila fooyya’e diriirsuudha.
Galmi magaalichaa, yaadamoota kanneen lafaan gahuun, hojiilee invastimantii, manufaakchariingii, qonna magaalaa, daldalaa, turizimii, ispoortii, barnootaa, haara galfii, bashannanaafi kkf babal’dhisuu, akkasumas nagaa-qabeessummaafi qulqullina naannoo mirkaneessuun magaalaa ammayyaa, hawwataafi giddugala misooma hunda-galeessaa ta’e dhugoomsudha. Gama caasaa olaanaatiin (suprastructure) magaalaa seenaa, aadaafi duudhaa ummata Oromoo qabate, hirmaannaa, guddinaafi fayyadamummaa waloo ummata magaalichaafi qonnaan bulaa naannawaa isaa mirkaneesse umuudha.
Walumaagalatti, galmi hundeeffama magaalichaa, gama tokkoon yaadama magaalaafi magaalummaa haaraa beeksisuudhaan, modeela magaalota naannoofi biyya keenyaa umuu yoota’u, gama biraatiin rakkoolee calaqqee magaalota keenyaa ta’an hiikuun, magaalaa jiruufi jireenya hawaasa magaalichaafi naannawa isaatiif mijate umuudha.
Gurmaa’insaafi Aangoo
Magaalaan Shaggar, Amajjii 1, bara 2015 dambii hundeeffamaa lak. 233/2015’niin kan hundaa’edha. Dabalataanis, akkaataa Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu MNO, lak. 242/2014, Keey. 73/1’n, gurmaa’insi, aangoofi hojiileen bulchiinsaa, akkasumas qaamoleen bulchiinsa magaalichaafi hojmaanni isaanii seeraan murtaa’era. Magaalaan Shaggar lafa hekt. 160,892. (km2 1,608.92) irratti argama.
Moggaasa Maqaa
Maqaan “SHAGGAR” jedhu kun, jaarrota hedduu duraa jalqabee, Oromoota biratti kan beekkamu ta’uu ragaan bal’dhinaan sassaabame ni agarsiisa. Hundeen isaas, jecha “Shaggaa” jedhurraa ka’ee, hiika “bareeda”, “miidhagaa” jedhu qabaachuu ragaaleen sassaabaman ni mul’dhisu. Maanguddoonni Oromoo wa’ee naannawichaa yeroo kaasan, “Shaggar lafa horaa, Shaggar lafa Tolaa” jedhuun lafa qabeenya hedduun badhaadhe ta’uu ibsu. Walumaagalatti, maqichi lafa bal’dhaa naannawa kanaa kan uwwisu, seenaa qabeessafi jaalatamaa ta’uun waan mirkanaa’ef, moggaasa magaalichaatiif filatameera.
Madda Furmaataa
Rakkoo Eenyummaa
Akkuma yeroo darbe kaasuuf yaalle, magaalonni biyya keenyaa, hundeeffama irraa jalqabee aadaa, duudhaa, calaqqee eenyummaa, walumaagalatti giddugaleessa fedhiin garee qeenxee itti leellifamuufi warri hafan itti moggeeffaman turan. Kanarraa kan ka’e, magaalonni, wiirtuulee ummanni keenya gama hundaan itti cabu turan. Olaantummaan caasaa olaanaa garee qeenxee, adeemsan, bifa olaantummaa siyaas-dinagdeefi hawwaasummaatti ol guddatee miidhaa ummata keenyarraan gahaa ture argineerra. ‘Dhugaa’ kana caaseffamaan jijjiiruuf hojiin hanga yeroo dhiwootti raawwatame kan hintuffatamne ta’us, sadarkaa ta’uu qabuun kan lafa qabate hinturre. Gama kanaan, hundeeffamni magaalaa Shaggar, magaalummaafi ummata keenya walgaarreffachuurraa gara walitti araaramuutti ceesisuudha.
Rakkoo Hirkattummaafi Hammattummaa
Magaalonni biyya keenyaa, ilaalcha boodatti hafaa ‘ta’ee nyaachuun naafmala’ (entitlement) ‘fiyudaalotaa’ caasessuu isaanirraa kan ka’e, saamtota (predator) baadiyyaa ta’uun maxxannee/silmii qonnaan bulaa qorqu ta’anii turan. Kana qofa miti. Adeemsa babal’dhifannaa lafaa keessa, qonnaan/horsiisee bulaa itti dhufan, itti fufiinsan dhiibufi buqqisuu malee, faayidaa waloo umuun hammachuu kan hinbeekne turan. Fakkeenyaaf, magaalaa Finfinnee yoofudhanne, babal’dhina lafaatiin hawaasa marfata ishee buqqisuurraa kan hafe carraa ta’uufi hindandeenye ture. Kun ammoo dhiibbaa hawaasicharra gahu kan lammeessu (double): tokko, lafa laguu eenyummaa isaa ta’uu; lama, sababa buqqaatii isaa ta’uu. Kanaaf, dhalachuun magaalaa Shaggar, adeemsa magaalummaa, baadiyyaa qorqu, eenyummaa ummata keenyaa cabsuufi jiraataa naannawa isaa ofirraa dhiibuu hambisuudha.
Rakkoo Faffacaatii Magaalota Xixiiqqoo
Hundeeffamni magaalaa Shaggar, faffacaatii magaalota xixiiqqoo waldangeessanii kan hambisuudha. Laga Xaafoo Laga Daadhii, Galaan, Sabbataa, Burraayyuufi Sulultaa, akkasumas gandoota baadiyaa naannawa isaaniitti argaman xiqqeessudhaan magaalaa dorgomaa, humna qabeessa, hunda galeessafi ittifufiinsa qabu umuu keessatti, fuula seenaa haaraa kan banudha.
Rakkoo Mijatummaa Bulchiinsaa
Magaalaan Shaggar, magaalaa jiraattota isaaf mijatu, akkasumas keessummoota isaa hawwatu taasisuuf qindoomina olaanadhaan hojjetamaa jira. Haaluma kanaan, hundeeffamni magaalaa Shaggar, magaalotaafi gandoota baadiyyaa magaalaa Finfinnee marsaan, mijatummaa kenna tajaajilaafi bulchiinsaa bu’uureffachuun walitti makeera. Yeroo ammaas, magaalota kanneen, akkasumas naannawa isaanii babal’dhina bu’uuraalee misoomaa “Ismaarti”tiin walitti hidhuun magaalaa kenniinsa tajaajilaafi bulchiinsatiin ammayyaa’e umuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Rakkoo “Primacy City”
Abbummaa magaalaa mirkaneessuuf hojiwwaan gurguddoon gama hawaas-dinagdeefi aadaan hojjetamu qofti gahaa miti. Karaa barameen alatti yaaduufi hojjechuun addunyaa si’anaa keessatti dhimma ijoodha. Finfinneen magaala lammaffaa biyya kanaa dachaadhaa oliin caalti. Kun ammoo gahee magaalaa ‘daran dursoo’ (mega city primacy) kenneefii jira. Kanaaf, gahee dursummaa magaalaa tokko hambisuun facaatiifi waliingahiinsa wiirtuu dinagdee, daldalaa, barnootaa, saayinsii, tajaajilaafi kkf kan sirreessudha.
Walumaagalatti, magaalaan Shaggar bu’aa qabsoo ummata Oromooti. Erga xiiqii guddaadhan gama hojii qabatamaa keessa galee Amajjii 1, bara 2016 waggaa tokko lakkoofsiseera. Adeemsa waggaa tokkoo kanaan, sochiin araarama tokko malee alseerummaatti adaba horuuf taasifame fakkeenyummaa guddaa kan qabudha. Shaggar, magaalaa bu’uurummaa eenyummaa, seenaa, aadaafi duudhaa ummata keenyaa irraa dhaabbachuun, wiirtuu hawwata misooma — invastimentii, industirii, qonna magaalaa, teeknooloojii, qunnamtii odeeffannoo, dandeettii kalaqaa, turizimiifi daldalaafi kkf , ta’ee argamuu qabateedha. Akkuma Oromoon “SHAGGAR Lafa Horaa, SHAGGAR Lafa Tolaa” jedhu, Shaggar magaalaa jiraataan qabeenya itti horatuufi itti hofkalu taasisuuf halkaniifi guyyaa kan hojjennu ta’a.
Shere waliif godha

Leave a Comment