Rakkoo Baankii Daldala Itoophiyaa mudate ilaalchisee Baankiin Biyyoolessaa ibsa baaseera.

Rakkoo Baankii Daldala Itoophiyaa mudate ilaalchisee Baankiin Biyyoolessaa ibsa baaseera.
Ibsa Baankichi baaseenis:-
✓ Rakkoo uumame furuuf qaamota dhimmi ilaallatu wajjiin gahee irraa eegamu bahaa turuun
✓ Rakkoon Uumame salphaa fi Yeroo gabaabaa keessatti too’atamuu ibsan.
Yaadadhaa:- Rakkoon Uumame sa’aatii 3 kan ture yeroo #hanni baankicha irratti raawwataa ture qofa yoo tahu, kenniinsi Tajaajila maamilootaa garuu yoo xiqqaate turtii sa’aatii 15 oliif adda citeera.
>>Haala kanaan #Gaaffin ijooni:- Yeroo gabaabaa jechuun herrega kamiin? #TajaajilaBaankii keessatti turtii daqiiqaa tokkoo keessatti daddarbiinsa malaa raawwatamuu danda’u ykn ATM tokko keessaa bahuu danda’u osoo tilmaamnee sa’aatii 3tti miidhaan qaqqabuu danda’u meeqatti tilmaamama?
Sa’aatii tajaajilootni adda citan 15 keessatti Maamilootni mallaqa meeqa daddabarsuu akka danda’an yoo tilmaamne dhugumatti yeroo gabaabatti rakkoon furameeraa?
✓ Gaaffiin ijoon biraa:- “Rakkoon Uumame balaa alarraa qaqqabe osoo hin taane, Sirna/system fooyyessuufi yaalii/testing taasifamaa tureen Kan Uumame…” Jedhe ibsichi.
>> Dhaabbaticha irratti balaan Alaa seene hin qaqqabne taanaan lammii biyya kanaa sammuu sirriitiin yaadu hundaafuu Gammachuudha jedheen yaada.
#Garuu ibsi kenname kan nama amansiisu miti. Sirna/system haaromsuufi yaalii/test gochuunis waanuma jiraati, Dhaabbatni guddaan akkasii inumaayyuu kan Sirna/system faayinaansii Ummata baldhaa sochoosu tokko Sirna/system haaromsuu fi yaalii taasisuu hojii kallattii (LIVE) dhaan taasisa jechuun tasuma nama hin amansiisu.
Sirna/system tokko irratti haaromsi(upgrade/update) yoo taasifame haaromsichi xumuramuu dursa gareen hojicha hojjate erga mirkaneessee booda yaaliin/testing barbaachisaan taasifamee ogeeyyiidhaan erga mirkanaaye boodadha Kan ogeeyyii/koree dhaabbatichaatiin madaalamee xumurarra Bulchiinsa dhaabbatichaatiif dhiyaatee hojiitti galchuuf Qophii tahuu erga agarsiifamee booda, inumaayyuu hojii sirni/system haaraa hojjatuufi haaromsa taasofame Ifatti agarsiisuudhaan kan hojitti galfamu.
Inumaayyuu yeroo baay’ee Sirna/system haaraa hojjatame ykn haaromsi taasifame tokko karoorfamee baajatni guddaan qabamee too’annoo Hooggansa olaanoo jalatti hojjatama waan taheef gaafa xumuramee dhiyaatu ogeeyyiin dhaabbatichaa kutaalee adda addaa keessaa fi alaayis dabalataamuu danda’u hirmaatanii, bakka hooggansi olaanaan dhaabbatichaa murtee kennuu danda’utti wanti hojjatame qabatamaan agarsiifamee, yoo yaadni haaraa jiraate ykn hanqinnii argames bifa haaraan akka irra deebi’amu taasifamee sirnaan hojjatamee xumuramuu, tajaajilootni adda akka dabalaman barbaadamanis jiraannaan dabalamuu mirkaneeffatanii, Sirnaan waan barbaadame Sana Akka hojjatu mirkaneeffatanii erga ogeeyyii fi Bulchiinsi waliigalan booda, #sagantaan Sirna/system sana hojii eegalchiisuuf karoorfame qabamee, sa’aatii sanatti Maamilootni/tajaajilootni tajaajillisaanii adda cituu akka danda’u Ifatti himameetu raawwatama.
Baankii Daldalaa dabalatee Baankotni birootis Dhaabbileen birootis bifa kanaan Sirna/system haaraa ykn haarome kan hojiitti galchaa turan tahuu hedduun keenya ni yaadanna.
Baankichi adeemsa kana cabsee Sirna/system haaromsuufi yaaleera taanaan duruma waan tartiiba hin eeggatinitu raawwatame, adeemsi burjaajjii uumuuf yaalametu jira jechuudha, burjaajjii yaalame sana adda baasuudha dha malee maqaa “Sirna/system haaromsuufi yaalii/testing…” Jedhuun irra dibuun bu’aa hin qabu.
✓ Aggaammiin balaa qaqqabsiisuuf taasifame hin jiru isa jedhan ammoo, inumaayyuu Aggaammiin taasifame Kan milkaaye tahuu kan agarsiisu sa’aatii rakkoon uumametti #qabeenyi hedduu hatamuu Kan agarsiisu dhaabbaticha dabalatee miidiyaaleefi Dhaabbileen birootis daboo bayuudhaan qabeenyi saamame akka deebisan ergaa doorsisaan guutame facaasaa turuun ragaa gahaadha.
Dhumarratti Aggaammiin taasifame Aggaammii Miidhaa Biyyoolessaa qaqqabsiisuuf taasifame wantoota fakkeessan hedduu argaa turre waan taheef bu’uurarra hirmaannaa qaamota dhimmi ilaallatuufi ogeeyyiin taasifame qoratamee fuulduraafis akka Barnootaa tahuu danda’utti, amanamummaa dhaabbata rakkoon mudatees bakkatti deebisuuf akka gargaarutti osoo ifoomee gaariidha jedheen amana.
Rakkoon walfakkaataan deebi’ee akka hin mudanne bu’uurarra furmaata hin argatu taanaan bara dijitaalaa kana keessatti rakkooleen walfakkaataan irra deddeebiidhaan mudachuu akka itti fufan beekamuu qabaan dhaamsa kooti.
Galatoomaa

Waa’ee Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhatani:

Waa’ee Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhatani:
Akka nama sirna barnoota biyya kanaa keessa taree tokkotti yaada kennuu barbaada:
Tarkaanfiin wol-irraa woraabbii deebii qormaataa hambisuuf Ministarri Barnootaa fudhate gaariidha, nan deeggaras.
Haa ta’u malee qabxiin seensa Yuunibaristii %50 fi achi ol ta’u qaba kan jedhu sun haala darbe, haala qabatama lafa jiruu fi kan fuulduraas tilmaama keessa kan seensise waan hin taaneef faayidaan inni dhalootaafiis ta’ee biyyaaf qabaatu natti hin muldhatu.
Haala darbe yoo ilaalle: seenaa qormaata seensa Yunibaristii keessatti qabxiin seensaa %50 ta’ee hin beeku. Yeeroon %25-niin itti seenames jira. Fkn Yeroo 400 keessaa qormaanni kennamaa ture, yeroo barattoonni qabxii 101 fi achi oliin Yunibaristii seenantu jira. Yeroo 500 keessaa kennamaa tures yeroo 200 gadiin Yunibaristii itti seenametu jira. Baratonni yeroo san haala kanaan seenaan hedduun amma sadarkaa Ph.D fi sanaa olis deemanii biyya keessaa fi alatti iddoo gaarii gahanii ofi irra taranii maatii, hawaasaa fi biyya tajaajilaa jiru. Muxannoo kana irraa ka’uun barattoota %50 ol fidan muraasa qofa Yunibaristiitti barsiifna adeemsi jedhu biyyafis waan ta’uu natti hin fakkaatu. Duuba deebi’aamee otoo ilaallamee baay’inni barattoota %50 gadiin Yunibaristiitti seenaan kan %50 oliin seenan dachaa hedduun caaluu akka danda’u shakkii hin qabu.
Haala lafa irra jiru: Madaalliin qormaata bifa barreeffamaatiin kennamu ijoo ta’ullee inni qofti dandeetti nama tokkoo murteessuuf gahaa miti. Fkn barattoota qormaata kana fudhatan keessaa Herrega sadarkaa ‘Calculus’ gahe beekuun ogummaa gara fuldura isaan baratan wojji hariiroo takkas qabaachuu dhabuu danda’a. Kana fakkeenyaaf kaase malee gosti barnootaa biroos akkas ta’uu danda’a. Barattoota qormaata kana %50 darbuu dadhaban keessaa kan bor Yunibaristii seenee qabxii ol’aanan eebbifamu akka jiraatus shakkii hin qabu. Kanaaf qormaata kana humna Yunibaristiileen barata fudhachuu danda’aniin ittin calaluuf itti fayyadamuutu irra woyya malee bu’aa qormaataa %50 san akka ulaaga seensa Yunibaristiitti fudhachuun dhaloota daandii irratti gatuudha. Barattoota kana Yunibaristiitti fudhatanii otoo ogummaa gahaan barsiisaanii san booda madaalani irra biyyaaf bu’aa qaba jedheen yaada.
Haala fulduraa: Woggoota dhihoo as fedhiin ijoolleen lafaa dhufaan barnoota irratti qaban gad bu’aa dhufeera. Haalli manni barnoota guutuun barata tokko hin dabarsine jedhamu kun ammoo abdii xiqqoo isaan barnoota irraa qaban guutuutti balleessuu danda’a. Kun ammoo dhalootni dandii doofummaa fi yakkaa akka filatu karra saaqa. Kanaaf halli seensa Yunibaristii kun qormaata %50 ol fiduu kan jedhu irraa otoo humna barataa fudhachuu Yunibaristootaa, madaalli dabalata Yunibaristii keessatti kennamuun kan hin dandeenye ari’uudhan, fi kkf teen itti deemamee dhalootafis biyyaafis irra bu’aa qaba natti fakkaata!
Na ofkolchaa!
Dr. Nuredin Luke

Jerusalem (Al-Quds) Al-Haram Al-Sharif

Jerusalem (Al-Quds)
Al-Haram Al-Sharif —- Temple Mount
(Kutaa 4ffaa – Xumuraa)
Waldhibdee Araboota Paalistiinii fi Yahuudota Israa’el jiddutti jaarraa tokkoo oliif godhamaa jiru irratti Magaalaan Jerusalem ykn Al-Quds ijoo wolfalmiiti. Jerusalem keessaa ammoo kaloon Masjidni Al-Aqsaa keessatti argamu kan musliimonni Al-Haram Al-Shariif jedhanii fi Yahuudonni ammoo Temple Mount jedhaniin iddoo wolfalmii ijoodha. Iddoon kun iddoo amantiileen lamaan kun, Islamaa fi Judizimii (Joodayzimii), itti wolqaxxamuraniidha jenne ibsuu dandeenya.
Kaloon Masjid Al-Aqsa kan Muslimonni Al-Haram Al-Shariif fi Yahuudonni ammoo Temple Mount jedhaniin baldhinni isaa dirree kubbaa miilaa 14 (ykn kaaree meetirii 144,000) kan ta’u kun balbala seensaa 12 qaba. Muslimaaf kaloon kun Makkaaf Madiinatti aanee iddoo eebbifamaa (qulqulluu) sadaffaa ta’uu isaa sababoota wojji kutaalee darban irratti ilaallee turre.
Kaloma Masjiidni Al-Aqsaa keessa jiru kana Yahuudonni “Temple Mount” jedhanii waamu. Akka amantaa isaaniitti iddoon kun iddoo Xabiibuu Solomon (Nabi Suleeyman) Mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple) itti ijaareedha. Iddoon kun amantii isaaniif iddoo qulqulluu (eebbifamaa) dhumaati. Akka amantaa isanitti gara fuulduraa iddoo kaloo Al-Aqsaa kan muslimonni Al-Haram Al-Sharif jedhaniin kanatti nabiyyii isaaniif dhufu ‘Messiah’ – Masiyaa kan jedhaniin Mana Sagadaa/kadhannaa amantaa isaanii (Third Temple) ni ijaara jedhanii eegu. Kanaaf gareen Jiwiishotaa muraasni masjiidni Al-Aqsaa diiggamee waan kanaaf qophaayuu qaba jedhanii yaada akkasii kan tarkaanfachiisuu fedhanis jiru.
Nabi Suleeyman/Xabiibuu Solomon erga Mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple) ijaare booda Sanduuqni [muka Giraar(Acasia) jedhamu irraa tolfamee Worqeedhaan uwwifame] kan dhagaan haphiin Ajajoota Kudhan Rabbiin irraa Muusetti ykn Nabi Muusaatti Gaara Siinatti (Mount Sinai-tti) bu’an keessa taa’u (arc of the covenant) jedhamu mana kadhannaa ‘First Temple’ kana keessa kutaa ‘the holy of holies’ jedhamu kabajaan akka kaaye amanu.
Arc of the covenant- Taabota Kakuu kana Jiwiishonni waan qulqulluu dhumaa ardii kana irra jiru, hojii harkaa Waaqa Waaqaan qajeela samii irraa lafatti bu’ee fi akka mallattoo Waaqni isaan jidduu jiraachuutti ilaalu. The Arc of the covenant-Taabotni Kakuu kun erga Jerusalem Baabilooniin (kan mootii NebuchadNezariin hogganamuun) dhaloota Kiristoos dura bara 597 weeraramte booda achi buuteen isaa hin argamne.
Shakkiin jiru tokko Masrii, Dead Sea jala, Ethiopia, ykn yeroo weeraraa san abbootiin Yahudaa yeroo san turan awwalanii jiran ta’a jedhanii shakku. Iddoon itti awwaalameera jedhani shakkan ammoo Kaloo Masjida Al-Aqsaa jala; kana sababa gochuuniifi maqaa ragaa Arkiyoolojii First Temple Solomon ijaare barbaadna jedhuun Al-Aqsaa woggootaaf lafa jalaan qotaa (holqaa)jiru. Erga amma garuu ragaan arkiyoolojii ‘First Temple’ ta’ee ‘The Arc of the Covenant’ achi ta’uu isaa muldhisu tokkos hin argamne. Lafa jalaan qotuun (holquun) isaanii kun Muslimotaaf shakkii jalaan Masjida Al-Aqsa diiguuf hojjataaran jedhu uumee jira.
Manni Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ‘The Arc of the covenant- Taabotni Kakuu’ bade jedhamu kun nu bira Aksum Tsion – Batsakana Mariyami Tsion (ርዕሰ አድባራት ቅድስተ ቅዱሳን ድንግል ማሪያም ፅዮን) kan Naannoo Tigray, Magaalaa Aksumitti argamu jira jedhu. Taabotoota qabaachuu mana Kiristana Ortoodoksiitiif ‘Arc of the Covenant’ kun bu’uura. Kutaa inni keessa jira jedhamu san nama tokko kan eegumsa kanaaf (umrii isaa guutuuf) ramadame malee hordoftootas ta’ee abbootiin amantaa (gurguddoos dabalatee) seenanii ilaaluu hin danda’an. Kun ammoo qorattoota dhimma kana irratti hojjatan ‘The arc of the Covenant’ dhuguma Ethiopia jira moo hin jiru ka jedhu akka adda baasuu hin dandeenye danqaa itti ta’ee jira.
Yahuudonni garuu yoo fakkaattii (Replica) ‘The arc of the covenant – Taabota Kakuu’ ta’e malee kan Manni Amantaa Ortodoksii Ethiopia nu bira jira jettu kana hin fudhatan. Kun seenaa baldhaadha, dhimma kana irratti baldhinnaan dubbisuu yoo feetan kitaaba Graham Hankook “The Sign and the Seal: The Quest for the Lost Arc of the Covenant” jedhu dubbisuu dandeettu. Barbaachi ‘Arc of the covenant’- Taabota Kakuu kun garuu ammas akkuma itti fuufetti jira.
Erga Israa’eel guutuun guutuutti Magaalaa Jerusalem qabatte booda Masjiida Al-Aqsaa maaltu mudate ka jedhu yoo ilallee:
* Woxabajji bara 1967 Woraanaa Guyyaa Jahaatiin Israa’eel Jerusalem (Al-Quds) guutuun guutuutti harkatti galfatte.
* Hagayya bara 1967 (ji’a lama booda) Seera Yahuudonni Kaloo Masjiida Al-Aqsaa dawwannaaf yoo ta’e malee sirna kadhannaa amantii isaaniitiif seenuu hin danda’an jedhu baste.
* Hagayya bara 1969 Michael Roha namni lammii Australia kan sochii Israa’eel biyya ta’uu (Zionism) deeggaru Minbara Imaamaa kan Masjida Al-Aqsaa gube. Minbarri bareedinna addaa qabu kun bara 1187 irraa kaasee kan masjida san tureedha.
* Bara 1970 Israa’eel naannoo Masjiida Al-Aqsaa qoqqotuu jalqabde.
* Bara 1982 Barattoonni Seera Jiwiish baratan eegdota Masjida Al-Aqsaa haleelan. Ji’a tokko booda namni Sanyii Israa’eel kan lammummaa Amerika qabu muslimoota Al-Aqsaa salaatanii bahan irratti dhukaasuun nama 2 ajjeesee 11 madeesse.
* Bitootessa bara 1982 namni siyaasaa Israa’eel Meir Kahane jedhamu deeggartoota isaa wojji ta’uun hiriira Masjidni Al-Aqsaa diigame Manni Sagadaa Juidayizimii ijaramu qaba jechuun kaloo Masjiida Al-Aqsaa seenuun hokkara uuman.
* Bara 1983 gareen ‘Temple Mount Faithful’ jedhamu Masjiidni Al-Aqsaa diiggamee manni sagadaa Juudiyazimi ijaaramu qaba jedhani sochii baldhaa godhuun Kaloo Al-Aqsaa akka to’annoo isaanii jala galu dhiibaa turan.
* Bara 1984 Ben Shoshan fi Yehuda namni jedhamaan karaa dhoksaa ta’een Masjiida Al-Aqsa fi Qubbat Alsahrat ( Dome of the Rock) bombiin dhoosuuf otoo seenan karra irratti qabaman. Sababa yeroo gafatamaniis Third Temple -Mana Sagada isaanii gara fulduraa ijaaramuuf lafa san qulqulleessuun qopheessuuf akka ta’e himan.
* Bara 1988 Fincila Paalistiinota Tokkoffaa (First Intifada) hordofee mormii ka’een namoota Al-Aqsaa salatanii bahan irratti woranni Israa’el dhukaasa banee namoota 40 madeesse.
* Bara 1990 sochii Finxaleeyyin Jiwiish dhakaa bu’uuraa Mana Sagadaa Juudayizim (Third Temple) kaloo Al-Aqsaa keessatti dhaabuuf demaan mormuun Palistiinonni 21 humna nageenyaa Israa’eliin ajjefaman.
* Bara 1994 Woliigalteen Wadi Araba jedhamu Mootummaa Israa’eel fi Jordan (kan bulchiinsi Al-Aqsa harka jiru) wojji godhame. Kaloon Al-Aqsaa fi qabeenyi achi keessa jiru Bulchiinsa Islamic Waqf Jordaaniin akka itti fuufu wolii galame.
* Bara 1996 Mootummaan Israa’el kaloo Al-Aqsaa cinaadhaan lafa jalaan qotuu (holquu) jalqabe. Kanaas ragaa First Temple fi Arc of the covenant barbaacha jedhuuni. Mormii kanaan ka’een Paliistinonni 80 fi humni nageeenya Israa’eel 17 ni ajjefaman.
* Bara 2000 namni siyaasaa Israa’eel Ariel Sharon, kan yeroo san hogganaa paartii mormitu ture kan booda irra Mummicha Ministera biyyatti ta’e, humna nageenyaa kuma lamatti hiiqaniin marfame Kaloo Masjida Al-Aqsaa daawwate. Kun ammoo sababa Fincila Paalistiinii Lammaffaa (Second Intifada) Palistiinonni kuma sadihi fi Jiwishonni kuma tokko dhumaniif sababa ta’e.
* Bara 2004 Bulchiinsi Masjiida Al-Aqsaa (Islamic Waqf) haala Arial Sharon kana mormuun masjida Al-Aqsaa daawwannaaf dhoorkuu ibse. Garuu Mootummaan Israa’eel kana otoo hin fudhatin namoota daawwatan polisii Israa’eelin marfamanii akka seenan godhe.
* Bara 2005 gareen fiinxaleeyyi Israa’eel kan Revava jedhamu Jiwiishota 10,000 qabate kalo Al-Aqsaa seenuun Sirna Kadhannaa amantii isaanii ademsisuuf qophi ta’uu himan.
* Bara 2013 Pirezedaantiin Paalistiinii fi Mootichi Jordan woligaaltee mallatteessan. Woligaltee kanaan Mootiin Jordan abbummaa, bulchiinsaafi eeggumsa kaloo Masjiida Al-Aqsaa godhamu akka fudhatu woliigalan.
* Dhuma bara 2013 Parlamaa Israa’eel (Knesset)ttii seerri Jiwiishonni akka kaloo Al-Haram Al-Shariif seenaani sirna kadhannaa isaanii godhan jedhu dhihatee ture.
* Bara 2017 Israa’eel Kaameraa To’annoo Masjiida Al-Aqsaa keessatti dhaabde.
* Hagayya 2021 Mootummaan Israa’el Yihudonni Masjiida Al-Aqsaa keessatti akka kadhanna ykn sagada isanii godhan hayyamu ibse.
* Torbaan dura Hamas Operation ‘Flood Al-Aqsa’ jedhu jalqabee; woggoota digdamman darban keessatti wolwaraansa hamaa ta’ee hin beekne irra jiran.
Haala kanaan deemaa jira wolfalmiin Al-Haram Al-Sharif (ykn kan Jiwishonni Temple Mount) jedhaniif godhamu. Kaan gara fuulduraa wolumaan ilaalaa deemna.
Itti aanee waa’ee woldhibdee jaraa kanaa akkuma amma Kallatti amantaatatiin ilaalle san kallattii siiyaasaa fi dippilomaasii adunyaatiin ilaalla. Akkasuma waa’ee Dhaabbata Bilisummaa Paalistiin (PLO), Yassir Arafat, Hamas, Mosad (Tika Israa’eel) isiniif barreessa.
Suuraan : Masjiida Al-Aqsaa fi Iddoo Kadhanna Juzidimii (Western/ Wailing Wall).
Maddi barreeffama kana kitaabolee dhimma kana irratti barraayan garagaraa kan dubbise fi gabaasa bara dhihoo miidiyaaleen Idla-adunyaa beekamoof amanamoo ta’an irraa haala qindaa’aa ta’een afaan keenyaan isiniif dhiheesse.

BUNA DHUGUU

BUNA DHUGUU
*******************
Bu’aan qorannolee woggoota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti:
Bunni keemikaala ‘Kaafiin’ jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si’eessuun kaka’umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi ‘Kaafiniin’ nama si’eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba.
Kaafiniin:
● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba
● Baattuun hadhooftuu akka dhangala’aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si’eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa.
● Kaafiniin amala “Theophylline” qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa.
● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho’uu fi hollatu godhu “Parkinson’s Disease” ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda’u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu.
● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si’eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama.
● Sammuun keenya si’eessummaa Kaafinii kana barachuu danda’a. Kanaaf araada namatti ta’uu, si’a’inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda’a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila.
● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa’ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa’imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay’ate ulfi akka nama irraa dhangala’u gochuu danda’a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama.
● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda’a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf garuu buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda’ama.
● Onnee si’eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho’iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda’a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta’ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu.
● Namoota Cinqaa Sammuu qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda’a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba.
● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) – ‘Qaar’ isa jedhaniin san hammeessuu danda’a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay’isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala.
Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda’a.
Daa’immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta’an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda’ufi.
Fayyaa ta’aa!
Bunaaf nagaa hin dhabinaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
©Dr. Nuredin Luke

HABAABA – BIXIQII

HABAABA – BIXIQII
Habaabni fuduraa bisaan gahaa of keessaa qabu ta’uu isaa irraa kan ka’e haalan dheebuu nama baasuu danda’a.
Kanaan alattis faayidalee fayyaa qaamaa asii gadii qaba:
* Hammi dhangala’oo qaama keenya madalawaa akka ta’u ni taasisa (miira dheebuu fi rakkoolee dheebuun wolqabatan nurraa ittisa).
* Habaabni vaayitaminootaa fi albuudota qaamaaf barbaachisaa ta’an kan akka Vaayitamin A fi C, Pootashiyeemi, Magnesium fa’a ni qaba.
* Sochii qaamaa si’a’innaan akka hojjannu nu gargaara. Dadhabbii fi dhukkubi maashaalee yeroo sochii qaamaa hojjatan namatti dhagahamu daran ni hirdhisa.
* Koompawundii Citrulline jedhamu waan qabuuf fedhaa fi turtii wolqunnamtii saalaa dhiiraa ni foyyeessa.
* Qorannooleen tokko tokko akka agarsisanitti, carraa kaansarii pirosteetiiti fi kaansarii mardhumaan guddaan qabamuu ni hirdhisa.
* Fayyaa kalee, tiruu, sirna dhiigaa fi madiinummaa qaamatiifis gaariidha.
* Albuudonni isa keessa jiran tokko tokko fayyaa onnee fi ijaa irratti haga tokko gahee qabu.
* Bullaayiinsa nyaataas haga tokko saffisiisuu fi si’eessuuf ni gargaara.
* Vaayitamin A fi C waan qabuuf fayyaa gogaa keenyaafis gaariidha.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
ⒸDr. Nuredin Luke

DHUKKUBOOTA TUQAMUU SAMMUU – Psychotic Disorders

DHUKKUBOOTA TUQAMUU SAMMUU –
Psychotic Disorders
Dhukkuboonni tuqamuu sammuu (psychotic disorders) dhukkuboota haalli ilaalchaa, amantaa, fi yaadni namoota haala qabatamaa (reality) wojjiin hin deemne ykn baay’ee irraa fagaateedha. Namoonni dhukkuba kana qaban: fakkeenyaaf, namni tokko akka waan isaan hordofaa ykn basaasaa jiru, summii itti godhee ajjeesuuf karorfateeruu, sagalee naanno hinjirre dhaga’uu, waan hin ta’ani tokko ta’eera jedhanii amantaa cimaa qabaachuu (fkn ani mootii biyya kanaati jedhanii guutumatti amanuu), namoonni biroo yaada isaanii too’achaa akka jiran, ykn yaadni isaanii hatamee akka raadiyoo fi TV’n daddarbaa jiruu fa’a itti dhagahamuu danda’a.
Namoonni dhukkuba tuqamuu sammuu (saayikoosiisii) qaban hubannoo ykn ilaalcha dhuunfaa isaanii (perception) fi dhugaa jiru (reality) addaan baasuuf rakkatu.
Mallattooleen tuqamuu sammuu suuta suutaan ykn akka tasaa mul’achuu danda’u.
Yeroon namoonni mallattoolee ciminnaan itti agarsiisan (psychotic episode) ykn yeroo tuqamuun sammuu itti cimu jennee ykn yeroo saayikootikii jennee hiikuu dandeenna.
Tuqamuun sammuu (saayikoosisiin) yaada, miira, hubannaa fi amala irratti dhiibbaa fida.
Yeroo saayikootikii, namoonni mallatoole akka:
Waan hinjirre arguu, dhagahuu, funfanchuu (hallucinations):
* Sagalee namni biraa hin dhageenye tokko dhaga’uu
* Wantoota namni biraa hin argine (hinjirre) arguu
* Fooliin naannoo san hinjirre isanitti urgaa’u
* Miira qaamaa hin baratamne, kan akka nama isaan bira hinjirreen akka tuqamaa jiranii itti dhaga’amuu.
Amantaa sirrii ykn qabatama hintaane qabaachuu (delusions):
* Yaada namoota biroo to’achuu akka danda’an ykn namoonni biroo yaada isaanii to’achuu akka danda’an amanuu.
* Akka waan hordofamaa, soqamaa ykn ari’atamaa jiran amanuu.
* Ilmaan namaa kan biroo irraa adda ta’uu isaanii ykn jijjiiramuu isaanii itti dhaga’amuu (amanuu).
Yaada hin gurmoofne qabaachuu (disorganized thinking):
* Yaada tokko irraa gara biratti otoo hin fixin dafanii darbuu
* Waan gaafatamaniif deebii mata duree gaafatamaniin tasumaa wolhinqabanne ykn sirrii kan hin taane kennuu.
* Hima hiikaa hin qabne jechoota wolitti fiduun haasayu (fkn sareen otoo feesbuuki abba deemee balbala Finfinnee).
Rakkoo sochii qaamaa (motor abnormalities):
* Garmalee baay’isani ykn suuta deebii xiqqaa kennuu (fakkeenna otoo wonti miidhaa geessisu isanitti dhufaa jiraate jala dhaabachu ykn garmalee utaalanii of miidhu)
* Galma gahuuf ka’an otoo hin gahin dagachu
Mallattoolee negaatiivii (negative symptoms) kan akka:
* Ibsi miiraa hirdhachuu
* Kaka’umsi hirdhachuu ykn dhabuu
* Gammachuu dhabuu (waan qara gammachuu uumaniiniifis)
* Fedhii hariiroo hawaasummaa dhabuu
Mallatoolee addaa kanniiniin alattis, mallattoolee akka:
* Hirribni jeeqamuu fi fedhii nyaataa dhabuu.
* Qulqullina dhuunfaa isaanii dhiisuu, fi xurii uffatanii, xurayanii deemuu.
* Humnaa fi kaka’umsa dhabuu.
* Jijjiirama miiraa (fakkeenyaaf, garmalee kaka’uu fi gammaduu, sana booda daqiiqaa muraasa keessatti muukayuu fi gadduu).
* Xiyyeeffachuuf rakkachuu ykn xiyyeeffannaa dhabuu
* Haalota kan akka barnoota, hojii, hiriyyota arguu fa’a irratti fedhii dhabuu.
* Haalaa-amalli jijjiramuu (fakkeenyaaf, namoota jaallataniif dhimma dhabuu, walitti dhufeenya addaan kutuu, adda of baasuun namoota irraa addaan cituu, sababa malee kolfuu ykn sababa malee aaruu).
* Yaada wal hin simnee fi burjaaja’aa ta’e qabaachuu.
Dhuukkubni tuqamuu sammuu (saayikoosisiin) akka waliigalaatti marsaa sadiin kan mul’atu yoo ta’u: mallattooleen salphaan suuta suutaan jalqabuu (the prodromal phase); marsaa cimaa (the acute phase); fi marsaa fayyuu (the recovery phase) wal’aansa jalqabuu hordofee muldhatu qabaata.
Mallattooleen dhukkuboota tuqamuu sammuu (psychotic disorders) nama irraa gara namatti garaagarummaa guddaa kan qaban yoo ta’u, namuma tokko irrrattillee yeroo gara yerootti ciminnaanii fi haalaan garaagarummaa qabaachuu danda’u. Namoonni dhukkuboota tuqamuu sammuu (psychotic disorder) qaban jireenya guyyaa guyyaa isaanii adeemsiisuuf baay’ee rakkatu ykn hin danda’an.
Dhukkubootni gartuu tuqamuu sammuu (psychotic disorders) jalatti argaman keessaa ijoo kan ta’an:
• Iskiizoofreeniyaa (schizophrenia):
• Iskiizoo-freeniformii (schizophreniform):
• Iskiizoo-affektiivii (Schizoaffective disorder)
• Dhukkuba Amantii Burjaajjayaa (delusional disorder):
• Tuqamuu Sammuu Akka Tasaa (brief psychotic disorder):
• Rakkoo Tuqamuu Sammuu Araadaan Dhufan (substance- induced psychosis)
Waldhaansa Dhukkuboota Saayikotikii (Tuqamiinsa Sammuu)
Wal’aansi dhukkuboota saayikoosisii adda durummaan rakkoo bu’uuraa dhukkubicha fide yaaluu irratti hundaa’a. Sababoota buʼuuraa san yaaluun qofti gahaa ta’uu danda’a. Dhukkuba tuqamuu sammuu (saayikoosisii) yaala dhukkubichaa qajeela barbaaduuf ammoo:
* Qorichoota: qorichootni gartuu antipsychotic jedhaman gosa qoricha dhukkuba tuqamuu sammuu yaaluuf baay’ee barbaachisan yoo ta’u, qorichoota biroo kan akka farra-muukuu (antidepressant) ykn sirressitoota miiraa (mood stabilizer) jedhaman illee kennamuu danda’a.
* Wal’aansa xiinsammuu kan Cognitive Behavioral Therapy (CBT) jedhamu. Gosti yaala sammuu kun haalawwanii fi dhukkuboota sammuu kan dhukkuba saayikoosisii hammeessuu fi fiduu danda’an yaaluuf ni gargaraa.
* Yaala dhukkubsattoota dhukkubichi itti cimee hospitaala ykn kiliniika adda yaala sammuu cibsuun kennamu.
* Kunuunsaa fi deeggarsa dhukkubsattoota godhaman. Namoonni baay’een haalawwan biroo kanneen akka araada dhugaatii alkoolii ykn wantoota sammuu hadoochan kan biroo irraa ykn haalota fi dhukkuboota sammuu irraa akkasumas jeequmsa dhuunfaa irraa kan ka’e dhukkubni tuqamuu sammuu kun mudata. Kaanaf, haalotaa fi rakkoolee kana fooyyeessuu irratti deeggersaa fi kunuunsa argachuu qabu.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Dr. Nuredin Luke

Dhukkuba Rifaatuu Tasaa – Panic Disorder

* Gartuu dhukkuboota yaaddoo garmalee (anxiety disorders) keessaa isa tokko.
* Dhukkuboonni yaaddoo garmalee (anxiety disorders) dhukkuboota yaaddoo cimaa fi sodaa yaaddoo san irraa madduun, haalli hojii, barnoota ykn hawaasummaa namoota itti jeeqamuudha.
* Bu’aa ba’ii jireenyaa keessatti yaaduu fi dhiphachuun waanuma jiru ta’ullee, garuu yaaddoon akka dhukkuba yaaddoo garmaleetti (anxiety disorders) fudhatamu isa yaaddoo fi sodaan namoota haala qabatama wojji hin deemne, kan yeroo hunda itti dhagahamu, fi haala jireenyaa namoota irratti dhiibbaa fideedha.
Dhukkubni rifaatuu fi hollattiinsa akka tasaa ( Panic Disorder) irratti:
* Namoonni otoo hin yaadin miirri sodaa ol’aanaan, naasuunii fi hollatiinsi tasa sababa malee isaan mudata.
* Akkasumas balaa ol’aanaa keessa kan jiran isaanitti fakkaatuu irraa tarkaanfilee garagaraa kan balaaf isaan saaxilu raawwachuu danda’u.
* Dhukkubni rifaatuu akka tasaa rakkoo fi mallattoo qaamaa fi sammuu walmakaa ta’an kan agarsiisu yoo ta’u, yeroo dhukkubichi namatti ka’u (panic attack), mallattoolee asiin gadi kana keessaa hedduun isaanii walitti makamanii mul’atu:
* Dha’annaa onnee namatti beeksisuu fi saffisuu,
* Miira hafuura kutuu ykn ukkaamsuu,
* Dafquu,
* Raafamuu ykn hollachuu,
* Miiraa tasa hoo’i qaama irra faca’uu,
* Kokkee irratti miira hudhamuu,
* Dhukkubbii laphee fi garaa,
* Lollojji, haqqee,
* Harki hohollachuu,
* Mataan itti salphatuu,
* Lafti ittiin naanna’uu, hanga iddoo jiran wollaaluu fi of-wallaaluu gahuu danda’u,
Akkasumas sodaa cimaa rakkoon kun deebi’e na mudata jedhu qabaachuu irraa iddoo inni itti kanaan dura isaan mudate dheessuu. Yeroo rakkoon kun isaan mudate akka waan du’aa jiranitti yaaduu fi cinqamu.
Mallatooleen kun namoota dhukkuba kana qaban irratti guyya tokkotti si’a heddu ykn woggaa keessatti si’a muraasa qofa isaan mudachuu danda’u.
Mallattooleen kun baay’ee cimaa ta’uu irraa namoota isaan bira jiran rifaasisuun akka waan dhukkuba onnee akka tasaa ykn dhukkuba lubbuu namaa balaa irra buusu kan biraa isan mudatee shakkuudhaan hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa geessunii danda’u.
Giddugaleessaan umriin jalqaba dhibeen rifachuu fi hollatiinsa akka tasa kun itti nama jalqabu woggaa 20-24 ti. Innis rakkoowwan sammuu kan biroo kan akka dhukkuba muukuu (depression) ykn yaaddoo garmalee balaa booda dhufu (PTSD) wajjin mudachuu danda’a. Dhiiroota caalaa rakkoon kun yeroo hedduu dubartoota irratti mudata.
Dhukkubni rifaatuu akka tasaa (Panic Disorder) yaala qorichootaatiin, gorsa xiinsammuutiin, waa’ee rakkinnichaa irratti hubannoo gaha argachuun yaalamuu fi woyyachuu danda’a.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
—-
Dr. Nuredin Luke

DHUKKUBNI SUKKAARAA MAALIIDHA?

DHUKKUBNI SUKKAARAA MAALIIDHA?
Nyaannii fi dhugaatiileen adda addaa nuti fayyadamnu bullaayiinsa gochuun gara bu’aalee soorataa (nutrients) akka kaarboohaydiraeetii, pirotiinii, lippiidii, vaayitamiinii fi albudootaatti jijjiramu. Bu’aaleen bullaayiinsa nyaataa kunis daakkamuun gara qaama xiqqaa isaan uumuutti geeddara.
Kaarboohayidireetonni daakkamuun gara qaama isaanii xiqqaa ta’e gulukoositti geeddaramu. Gulukoosiin ammoo qaamaaf akka anniisaatti tajaajila. Akkuma konkolaataan tokko socho’uuf boba’aa barbaadu san, qaamnis akka madda anniisaatti gulukoosii fayyadama. Gulukoosin kunis nyaatni erga daakkame booda mardhumaan keessa hidda dhiigaatti xuuxama.
Gulukoosii hidda dhiigaatti xuuxamee jiru kana ammoo seelonni ofitti fudhatanii anniisaaf oolfachuuf, akkasuma kan darbaa ta’e kuusachuuf hormoonota barbaadu. Hormoonota waan kana irratti hojjatan keessaa ijoo kan ta’an lamaan: Insuliinii (Insulin) fi gulukaagoon (glucagon) jedhamu. Insuliiniin hormooni ijoo seelonni akka gulukoosii ofitti fudhatan godhu yoo ta’u, gulukaagoonin ammoo gaafa gulukoosiin dhiiga keessaa xiqqaate qaamni kuusaa qabu irraa akka fayyadamu kan godhuudha.
Hormoonota lamaan kana, insulinii fi gulukaagoni, kan oomishu rajiijii (pancreas) dha. Rajiijii (pancreas) keessa iddoo “Islets of Langerhans” jedhamu kan seeliiwwan adda addaa qabutu jira. Seeliin alfaa jedhamu gulukaagoonii yoo maddisiisu, seeliin beetta jedhamu ammoo Insuliinii maddisiisa. Insuliiniin ammoo hormoonii ijoo akka seelonni qaamaa dhiiga keessaa gulukoosii (sukkaara) ofitti fudhatan godhuudha. Seelonni qaamaa (keessattu tiruun, maashaleenii fi tishuuwwan coomaa) gulukoosii dhiiga keessa jiru ofitti fudhachuuf Insulinii isaan barbaachisa. Yoo Insuliiniin hin jirree ta’e seelonni kun gulukoosii dhiiga keessa jiru ofitti hin fudhatan. Kanaaf, gulukoosiin (sukkaarri) dhiiga keessa jiru olka’aa ta’a ykn ni baay’ata.
Dhukkubni sukkaaraa dhukkuboota sababa garagaraatiif hammi sukkaara dhiigaa (gulukoosiin) yeroo dheeraadhaaf akka olka’aa ta’ee turu godhaniidha. Seeliin rajiijii (pancreas) kan seelii beetta jedhamu kan insuliinii maddisiisu miidhamuun ykn baduun akka insuliiniin hin oomishamne godha. Kun ammoo sukkaara qaamaa olkaasuun sababa ykn ka’umsa dhukkuba sukkaaraa gosa dura (Type- I Diabetes Mellitus) ta’a.
Akkasuma, hammi insuliinii oomishamuu xiqqaachuun ykn insuliiniin oomishamaa jiru hojii isaa haalan dalaguu dhabuun ykn dadhabuun, qaamonni si’eessuumman isaan Insuliiniif qaban xiqqaachuun, kana irraa sukkaarri qaamaa dabaluun ammoo dhukkuba sukkaaraa gosa lammataa (Type-II Diabetes Mellitus) sababa ta’a.
Kanaaf, jiraachuu dhukkuba sukkaaraa wojji wolqabatee nyaatni kaarboohayidireetii kan daakkamuun gulukoosii ta’u, hormooniin Insulinii jedhamu kan rajiijiin oomishamu gahe guddaa waan qabaniif nyaata dhukkubsattonni sukkaaraa nyaatan irratti akka of eeggannoo godhan gorfama. Insuliinii qaamni oomishu dadhabee bifa limmootiin alaa keennuun, ykn qorichoota si’eessummaa insuliin dabalan kennuunis dhukkubni sukkaaraa yaalama. Yaala otoo hin argatin yoo hafe, hammi sukkaaraa qaama keessatti olka’aa ta’ee turu xaaxawwanii fi rakkoowwan ijaa, narvii, kalee, sammuu, onnee, lukaa fi qaamota kan biroo irraatti dhaqqabsiisa. Akkuma as irraa hubachuun danda’amutti dhukkubni sukkaaraa, waan mi’a’oo ta’an baay’isanii fayyadamuu irraa waan nama qabu (uumamuu) miti, garuu yoo dhukkubni sukkaaraa jiraate waan mi’a’oo ta’an irratti ofeeggannoo gochuu barbaachisa.
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Dr. Nuredin Luke