Hardha Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hatamuu dhageenye.

Hardha Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hatamuu dhageenye. Baankichi hatamuu qofaa miti Eda sa’aatii 6 – 9 balballi banamuu oduuleen tokko tokko ifoomsaniiru.
Gidduu kanatti baankicharratti hanni raawwatamuu Baanichi amaneera. Kanas kallattii fi alkallattiin ifoomsan! Yuunivarsiitiileen Jimmaa, Finfinnee, Dirre Dawa fi Dillaa fa’a fakkeenya ijoo jedhamanii odeeffamaa jiru. Yuuivarsiitiileen kunneen Barattoota Tekinoolojiitiin ‘Mallaqa saamtan deebisaa, ykn tarkaanfii seeraa fudhanna…’ jedhamee karaa Yuunivarsiitiilee ibsi bahe Yuunivarsiitiilee keessatti labsameera.
Taateen edaa kun waan baayee nutti agarsiisa. Baankiin hatamuun waan haaraa tahuu baatuyyuu Baankiin Daldalaa Itoophiya ibsa baaseen ‘Baankiin keenya hin hatamne rakkoo keessooti..’ jedhee ibsa baaseera, rakkoon uumame furamuus ibseera. Ibsa baankichichaa irra dhaabbannee ija ogummaatiin waan tokkoof lama dubbanna:
1) Baankicha rakkoon guddaan(Kisaaraan) mudachuun ifatti muldhateera. Rakkinnichi guddaa tahuus ifatti muldhateera.
Akkamitti?:- Baankiin kun baankii Ummataa guddicha Kaappitaala waliigalaa Tiriiliyoona 1.3(1.3 trillion) ol qabu waan taheef rakkoon mudate salphaa osoo tahee fkn. Mallaqa muraasa barattootni Yuunivarsiitiilee ATM qofaan baafatan osoo ta’ee keessoma isaatti dhokfatee hambisa malee ummata biratti akka dhagahamu gadi hin baasu. Odeeffannoo keessoo godhee dhokfatee maqaa fi amanamummaa isaa tursiifachuu filata malee kisaaraa xixiqqaa hanga Bil.5-10 osoo tahee ummatni akka dhagahu hin godhan, osoo ummanni dhagahee marsaalee hawaasaa irratti odeeffames #soba tahuu ibsuudhaan miidiyaalee Ummataatiin ibsi kennamee taasgabbii uumuu yaaliin taasifama. Ammatti garuu kun hin taane, inumaayyuu dabootu waamame, Yuunivarsiitiileen barattiota doorsisanii mallaqa deebisaa jechaa jiru, Baankichi irra deddeebiin ibsa baasaa jiraachuu argina.
Addunyaa Tekinoolojiin qaroomte tana keessatti Rakkooleen walfakkaataan yeroo mudatu, waan haaraa miti, inumaayyuu caalatti baramaa dhufaa jira. Asuma kaluu 08-Onk-2020, Biyya Ugaandaatti Baankotaafi Cimdaa(Network) MTN, Airtel irratti Hanni gaggeeffameen saamichi Mallaqa Qar.Itoophiyaa Bil.18 ol qaqqabeera. Baruma darbe Sadaasa keessa hanni guddaan Baankii Chaayinaa ICBC irra qaqqabe, Mootummaa Ameerikaatu hamatamaa ture.
Haaluma kanaan Rakkoon Sirnaa(system Problem) Baankii daldalaa eda kan uumame Halkan walakkaa Edaa Sa’aatii 6 hanaga sa’aatii 9ti jedhameera.
Rakkoo uumame kanaan Namootni ykn Maamilootni baankichaa ATM qaban Bakka ATMn baankichaa jiru qaamaan deemanii Mallaqa hamma barbaadan ajajachuudhaan baafachuuf carraa argataniiru jedhameera. Kana jechuun ATMdhaan akka Mallaqani baafamu balballi banamee ture jechuudha.
Kun kan agarsiisu: Gareen keessaa qaama ala jiru wajjiin hariiroo qabutu ykn qaama wayiitiif balbala banee namootni/gareen qophaayan sa’aatii jedhametti Mallaqa Callaa(Cash) akka baafataniif haaldureen qophaayee waan tureef ATM Baankichaa damee kamuu irraa Mallaqa hanga feete(kan ofii keetii hin qabne Lakkoofsa baankichaa irraa hamma barbaddu…’ akka baafattu haala mijataaa qophaayetu ture jechuudha. Kana jechuun akka ani dur beekutti ATMn tokko guyyatti Mallaqa Qar.Kuma.10 ol hin baasu, Eda yeroo rakkoon uumametti garuu Mallaqa hanga barbaadde baasuu ni dandeessu jedhameera.
Maal kana qofaree, Bilbila keenyaan(Mobile banking) dhaan ammoo mallaqa hanga barbaadne itti barreessine gara lakkoofsa baankii(Account) barbaadnetti dabarsuu akka danda’amu ibsameera. Kun maal agarsiisa?
Fkn:- Dargaggeessi Mil.1 Baankii irraa dabarfate barbaacha addaa godhameen too’atamuun himameera. Addatti ammoo naannolee Yuunivarsiitiilee Jimmaa, Finfinnee, Dirre Dawa fi kkf irratti bifa addaatiin Yuunivarsiitiileen ibsa baasuudhaan Barattootni Mallaqa Baankciha irraa baasan akka deebisan ibsa Xalayaa doorsisa fakkaatuun baasanii mooraa keessatti maxxansaa jiran argineerra.
Haala kanaan sa’aatii jedhametti Maamiltootni baankichaa(Qotee bulaan, Barataan, Daldalaa, Hojjataan, Addatti ammoo Gareen balballi banameef(shakkii kooti)….) Mallaqa hamma barbaadan baafataniiru, kuun gara lakkoofsa biraa dabarfataniiru, kuun gara baankota biraa dabarfataniiru. Inumaayyuu Naannoo tokko tokkotti namootni ATMoota adda aaddaa keessaa Konkolaataa dhaabanii mallaqa baasanii konkolaatatti fe’uu fa’anis odeeffannoon jedhu argineerra(Dhugummaasaa mirkaneeffachuu baannus…).
Amma Taateen Baankii Daldala Itoophiyaa(CBE) eda mudate jedhame gabaabinaan yoo ilaalle:
2) Baankichi Ibsa baaseen, Rakkoon mudachuu amanus rakkoon mudate hattoota alaa(External attach) osoo hin taane rakkoo keessoo tahuu amaneera.
Asitti gaaffii ijoo lamatu ka’uu qaba:
2.1) Rakkoon keessoo rakkoo Sirnaa(internal system Problem) dhaa? – Deebiin isaanii ifaa miti. Sirna kenna tajaajila moobaayilaa(Mobile banking System ) tajaajila kennaa ture maaltu balaaf saaxile? Sirni kenna tajaajila moobaayilaa fi ATM(Mobile banking System & ATM ) yoo rakkoo sirnaa(System) tahe tajaajila kennuu dhaaba malee hannaaf balballi akka banamu hin taasisu. Kanaafuu rakkoo Sirna kenna tajaajila moobaayilaa fi ATM(Mobile banking System & ATM )keessoo kufe hin fakkaatu jechuudha.
2.2) Inni 2.1 irratti jenne sirrii tahuu baannaan Baankicha irratti AGGAAMMIIN(Attack) RAAWWATAMEERA jechuudha.
Rakkoon uumame kan Baankicha hannaaf saaxile tahuu ragaan qabatamaa erga bahee, Aggaammiin Baankicha irratti raawwatame dhugaa taha. Aggaammiin raawwatame ammoo gosa 2tti hirree ilaaluu dandeenya. Isaanis:-
2.2.1) Aggaammii Keessoo(Internal Attack):- Aggaammiin akkasii Caasaa Keessoo dhaabbatichaatu balbala bane jechuudha. Caasaan keessoo dhaabbaticha kophatti balbala banaaree yoo jennes innis gaaffii biraati. Haala baratamaan Aggaammii keessoo yoo ilaalle, Namootni ykn garee wayii kan faayidaa dhuunfaa(Personal oriented), faayidaa siyaasaa(Political benefit), Faayidaa Garee/gandaa(Group/ethnic advantage) fi kkf irratti hundaayuun ijaaramanii ykn qindaayanii qaama ala jiru wajjiin qindaayuudhaan balbala dhaabbatichaa akka banamu taasisaniidha. Ibsa Baankiin Daldala Itoophiyaa(CBE) baase irra dhaabbachuun rakkoo baankicha mudate as jalatti waan ramadamu fakkaata.
Fkn:- Rakkoon Baankicha mudate yoo ilaalle, Gareen/Hojjattootni Baankichaa qaama alaa wajjiin hariiroo qabani wajjiin saganteeffatanii Halkan sa’aatii jedhame sanatti sirni kenna tajaajila mobile fi ATM (Mobile banking services & ATM) akka hin hojjanne yoo taasisan gareen isaanii alaa qophaaye osoo rakkoon tokko isaan hin mudanne mallaqa barbachisu dameewwan filatamoo dursa qophaaye irraa akka baafatan, kaanis ATM akka dabarfatan taasisuuf haalduree(#woxamadii) qophaaye ta’innaa shakkii jedhuudha…. Carraa kanaan Barattootni Tekinoolojii Yuunivarsiitiillee Muraasa eeraman irraa ammoo tasa arganii odeeffannoo waliif dabarsuun carricha fayyadamuuf yaalii taasisan fakkaata….
(Yaadni kun bu’uura ibsa baankichi baase irradhaabbadhee kan tilmaameedha….)
2.2.2) Aggaammii Alaatiin kan Baankichi Cabe taha.
Kana jechuun Qaama alaa seenee rakkoo uumetu jira jechuudha. Kun ta’ee argamnaan Ibsa baankichi rakkoo keessooti jedhee baase soba taasisa, kanaafuu hanni alaa seene jira jechuudha waan taheef Baankicha irratti hanni hin raawwatamne jechuun dogoggora ta’a. Aggaammii alaatiin tarkaanfiin fudhatamu qaamni tarkaanfii fudhatus kan faayidaa sana irraa fayyadamus qophaayee tarkaanfiin fudhatama waan taheef.
Rakkoon akkasii kan mudatu qaama alaatu karoorfatee qindaayee, odeeffannoolee barbaachisaa funaannatee qophaayeen waan uumamuuf, galma barbaadame yeroo gabaabatti kan galmaan gahuudha. Rakkoon haala kanaan uumamu kan qindaayee fi qaamni fayyadamaa ta’u qophaayee tarkaanfii fudhatu waan ta’eef Balaan qaqqabsiisu baay’ee olaanaa fi salphaatti too’achuuf kan rakkisu ta’uu mala.
Gabaabumatti, Miira Ibsa Baankichaa, Ibsa Yuunivarsiitiilee fi Miidiyaaleen Mootummaa(Public Medias) waljalaa fuudhanii hafarsaa jiran irraa kan hubannu ifatti rakkoon guddaan uumamuu kan agarsiisu tahee natti muldhateera.
Walumaagalatti, rakkoon uumame rakkoo saayibariiti. Aggaammiin saayibarii kun ammoo caluma jedhee gan raawwatame tahuu kan agarsiisu, dhaabbata diinagdee guddicha biyyattiin qabdu(the leading company) , Baankii Daldalaa(CBE) biyyi tokko(Mootummaan) amanu ykn abdatu irratti ta’uusaati.
Akkuma Sadsarkaa Idil.Addunyaatti, Dhaabbatni Baankii tokko xiyyeeffannoo aggaammii saamichaa jala kan galu caluma jedhamee osoo hin taane kaayyoo/karooraa, galmaa, icciitii biyya dadhabsiisuu/kuffisuu fi kkf bu’uureffachuudhaan ogeeyyii/ogeessota keessaa/alaa qindeessuudhaan aarsaa barbaachisu kafaluu, hanga gocha badanii balleessuu(sacrifecs in any costs), gochuudhaan saamicha raawwachuu barbaadanis dursaan kan qindaayu yoo tahu garee keessoo fi alaatiin haaldureewwan mijataan akka qophaayu kan taasifamu taha.
Saamichi Baankii Daldalaa(CBE) irratti raawwatame wantoota kanaan walfakkeessan qaba natti fakkaata.
Dhumarratti, akka qorannooleen adda addaa agarsiisanitti, Sad.Idil-Addunyaatti Aggaammiiwwan saamichaa Baankota irratti raawwatamanii fi raawwatamaa jiran, gosoota hedduu jiran keessaa:
a) Hanna sobaa(scamming) ergaa gabaabaa namoota dhuunfatti erguudhaan fayyadamtoota sobanii mallaqni karaa sobaa akka ergamuuf taasisaniidha. Isaanis kaayyoo fi hanna dhuunfaatiif kan dhimma bahaniidha. Itoophiyaa keessatti hanni kun bubbuleera. Namoota hubannoo hin qabne ‘Lotoriin isiniif baheera…’ jechuun mallaqa irraa fudhataa turan, fudhataas jiru.
b)Hanna sobaa(Fakkeessitoota – fishing) – Unkaa sobaa akka guunnu nutti ergamee, yoo nuti unkaa sana guunne, ragaa achirraa fudhataniin nu fakkaatanii seenanii Bank hatuun biyyoota guddatan keessatti beekamaadha, keessattuu yoo ‘card kafalatii’ qabaannu… Kunis Hanna Namoota dhuunfaa irratti godhamu
c) Saamicha Humnaa(gareen qindaaye Baankii saamuuu…)
c.1) Humnaan Meeshaan saamuu
c.2) Tekinoolojiin saamuu… Waan CBE irratti tahe kana fakkkatu kana.
d) App sobaa, ATM hatuun, fikkf hanna karaa baankii raawwatamaa jiran yoo tahu, Hanni cimaan qindoominaan raawwatamu kan gareen ykn qaama qindaayeen raawwatamu kan baankichaa fi biyya irrattis balaa geessuu danda’u akka tahe qoraannooleen ni addeessu.
Yaadni olitti ibsame yaada dhuunfaa koofi odeeffannoo marsaalee interneetaa irraa funaaname ragaa rakkoo baankii dandalaa irratti uumame wajjiin kan walitti qindeessee kan qopheesse hubannoo uumuufis tahee fuulduraaf barnoota tahuu danda’a bifa jedhuun isiniif kan qopheesse ani obboleessa keessan Abdisa Bancha Jara dha.
Yoon dogoggoraa qabaadhe na sirreessaa!
Galatoomaa
Shere waliif godha

Leave a Comment