DHUKKUBNI SUKKAARAA MAALIIDHA?

DHUKKUBNI SUKKAARAA MAALIIDHA?
Nyaannii fi dhugaatiileen adda addaa nuti fayyadamnu bullaayiinsa gochuun gara bu’aalee soorataa (nutrients) akka kaarboohaydiraeetii, pirotiinii, lippiidii, vaayitamiinii fi albudootaatti jijjiramu. Bu’aaleen bullaayiinsa nyaataa kunis daakkamuun gara qaama xiqqaa isaan uumuutti geeddara.
Kaarboohayidireetonni daakkamuun gara qaama isaanii xiqqaa ta’e gulukoositti geeddaramu. Gulukoosiin ammoo qaamaaf akka anniisaatti tajaajila. Akkuma konkolaataan tokko socho’uuf boba’aa barbaadu san, qaamnis akka madda anniisaatti gulukoosii fayyadama. Gulukoosin kunis nyaatni erga daakkame booda mardhumaan keessa hidda dhiigaatti xuuxama.
Gulukoosii hidda dhiigaatti xuuxamee jiru kana ammoo seelonni ofitti fudhatanii anniisaaf oolfachuuf, akkasuma kan darbaa ta’e kuusachuuf hormoonota barbaadu. Hormoonota waan kana irratti hojjatan keessaa ijoo kan ta’an lamaan: Insuliinii (Insulin) fi gulukaagoon (glucagon) jedhamu. Insuliiniin hormooni ijoo seelonni akka gulukoosii ofitti fudhatan godhu yoo ta’u, gulukaagoonin ammoo gaafa gulukoosiin dhiiga keessaa xiqqaate qaamni kuusaa qabu irraa akka fayyadamu kan godhuudha.
Hormoonota lamaan kana, insulinii fi gulukaagoni, kan oomishu rajiijii (pancreas) dha. Rajiijii (pancreas) keessa iddoo “Islets of Langerhans” jedhamu kan seeliiwwan adda addaa qabutu jira. Seeliin alfaa jedhamu gulukaagoonii yoo maddisiisu, seeliin beetta jedhamu ammoo Insuliinii maddisiisa. Insuliiniin ammoo hormoonii ijoo akka seelonni qaamaa dhiiga keessaa gulukoosii (sukkaara) ofitti fudhatan godhuudha. Seelonni qaamaa (keessattu tiruun, maashaleenii fi tishuuwwan coomaa) gulukoosii dhiiga keessa jiru ofitti fudhachuuf Insulinii isaan barbaachisa. Yoo Insuliiniin hin jirree ta’e seelonni kun gulukoosii dhiiga keessa jiru ofitti hin fudhatan. Kanaaf, gulukoosiin (sukkaarri) dhiiga keessa jiru olka’aa ta’a ykn ni baay’ata.
Dhukkubni sukkaaraa dhukkuboota sababa garagaraatiif hammi sukkaara dhiigaa (gulukoosiin) yeroo dheeraadhaaf akka olka’aa ta’ee turu godhaniidha. Seeliin rajiijii (pancreas) kan seelii beetta jedhamu kan insuliinii maddisiisu miidhamuun ykn baduun akka insuliiniin hin oomishamne godha. Kun ammoo sukkaara qaamaa olkaasuun sababa ykn ka’umsa dhukkuba sukkaaraa gosa dura (Type- I Diabetes Mellitus) ta’a.
Akkasuma, hammi insuliinii oomishamuu xiqqaachuun ykn insuliiniin oomishamaa jiru hojii isaa haalan dalaguu dhabuun ykn dadhabuun, qaamonni si’eessuumman isaan Insuliiniif qaban xiqqaachuun, kana irraa sukkaarri qaamaa dabaluun ammoo dhukkuba sukkaaraa gosa lammataa (Type-II Diabetes Mellitus) sababa ta’a.
Kanaaf, jiraachuu dhukkuba sukkaaraa wojji wolqabatee nyaatni kaarboohayidireetii kan daakkamuun gulukoosii ta’u, hormooniin Insulinii jedhamu kan rajiijiin oomishamu gahe guddaa waan qabaniif nyaata dhukkubsattonni sukkaaraa nyaatan irratti akka of eeggannoo godhan gorfama. Insuliinii qaamni oomishu dadhabee bifa limmootiin alaa keennuun, ykn qorichoota si’eessummaa insuliin dabalan kennuunis dhukkubni sukkaaraa yaalama. Yaala otoo hin argatin yoo hafe, hammi sukkaaraa qaama keessatti olka’aa ta’ee turu xaaxawwanii fi rakkoowwan ijaa, narvii, kalee, sammuu, onnee, lukaa fi qaamota kan biroo irraatti dhaqqabsiisa. Akkuma as irraa hubachuun danda’amutti dhukkubni sukkaaraa, waan mi’a’oo ta’an baay’isanii fayyadamuu irraa waan nama qabu (uumamuu) miti, garuu yoo dhukkubni sukkaaraa jiraate waan mi’a’oo ta’an irratti ofeeggannoo gochuu barbaachisa.
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Dr. Nuredin Luke
Shere waliif godha

Leave a Comment