Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.

Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi’aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.
1. BISHAAN (WATER)
Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
 Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta’eefidha.
 Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroo qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa bareedaa qabu keessa turuu fi aduutti ba’uu dhiisuun hedduu nu gargaara.
2. IFTAR
 Iftar irratti nyaata annisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta’e soorachuu qabna.
 Yeroo hedduu tamiirii (dates) ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta’ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Tamiiriin nyaata rafeejii (fibre) hedduu barbaachisu of keessaa qabudhas.
 Kuduraalee fi muduraalee ga’aa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi neutrientota addaa addaa argachuuf hedduu nu gargaara.
 Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
 Foon (coomaa hin qabne), lukkuu (gogaa ishee irraa hambisuun) fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga’aa akka argatu gargaara.
Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irraa gurguraman fi sooratni sukkaara hedduu of keessaa qaban hin gorfaman.
 Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.
3. SUHUUR
 Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin hedduu raagan, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
 Nyaati suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu’aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.
4. HAALA NYAATA WALII GALAA IRRATTI
 Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
 Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga’u qofa nyaachuudha.
 Haga danda’ame bakka tokko taa’aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay’isuun fayyaaf ni gorfama.
5. HAALOTA ADDAA
5.1 Dhukkuba Sukkuuraa
 Namoonni dhukkuba sukkaaraa keessumaa ammoo dhukkuba sukkaaraa isa gosa 1ffaa (kan yeroo baa’yee ijoollee fi dargaggoo hubu ykn type 1 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban akka soomuu hin filanne gorfama.
 Namoonni dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (kan yeroo hedduu namoota ga’eessota waggaa 30 olii hubu ykn type 2 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban ammoo yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.2 Dhiibbaa Dhiigaa
Namoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabanis yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.3 Haadholii ulfaa fi harma hoosisan
 Karaa amantii soomaaf kaadhimamoo akka hin taane akkuma jirutti ta’ee, yoo tarii akka tasaa soomuuf murteessan, dirqama hakiima isaan yaalu waliin dursanii mari’achuu qabu.
6. FAKKEENYA (EXAMPLE) NYAATAA IFTAR fi SUHUUR
6.1 Fakkeenya (examples) nyaata iftariif qophaa’uu:
 Shoorbaa kuduraalee kan manaatti hojjatame (kan daakuu suuqii irraa bitamuun hojjatamu osoo hin taane jechuudha).
Salaaxaa magariisa.
 Fuduraalee walitti makaman (squash/eggplant/grape leaves).
 Foon lukkuu
 Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni bishaanichaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
6.2 Fakkeenya (examples) nyaata suhuuriif qophaa’uu:
 Daabboo muraa lama.
 Hanqaaquu sirriittii bilchaate (bilchaate).
 Sliced vegetables from two vegetables.
 Chiisii (bu’aa loonii).
 Gosoota shayii addaa addaa kan kaafeenii ofkeessaa hin qabne.
Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni isaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
Ramadaan Mubaarak, Ifaara Gaarii!!!
©Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
Shere waliif godha

BUNA DHUGUU

BUNA DHUGUU
*******************
Bu’aan qorannolee woggoota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti:
Bunni keemikaala ‘Kaafiin’ jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si’eessuun kaka’umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi ‘Kaafiniin’ nama si’eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba.
Kaafiniin:
● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba
● Baattuun hadhooftuu akka dhangala’aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si’eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa.
● Kaafiniin amala “Theophylline” qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa.
● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho’uu fi hollatu godhu “Parkinson’s Disease” ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda’u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu.
● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si’eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama.
● Sammuun keenya si’eessummaa Kaafinii kana barachuu danda’a. Kanaaf araada namatti ta’uu, si’a’inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda’a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila.
● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa’ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa’imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay’ate ulfi akka nama irraa dhangala’u gochuu danda’a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama.
● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda’a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf garuu buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda’ama.
● Onnee si’eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho’iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda’a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta’ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu.
● Namoota Cinqaa Sammuu qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda’a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba.
● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) – ‘Qaar’ isa jedhaniin san hammeessuu danda’a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay’isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala.
Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda’a.
Daa’immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta’an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda’ufi.
Fayyaa ta’aa!
Bunaaf nagaa hin dhabinaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
©Dr. Nuredin Luke
Shere waliif godha

HABAABA – BIXIQII

HABAABA – BIXIQII
Habaabni fuduraa bisaan gahaa of keessaa qabu ta’uu isaa irraa kan ka’e haalan dheebuu nama baasuu danda’a.
Kanaan alattis faayidalee fayyaa qaamaa asii gadii qaba:
* Hammi dhangala’oo qaama keenya madalawaa akka ta’u ni taasisa (miira dheebuu fi rakkoolee dheebuun wolqabatan nurraa ittisa).
* Habaabni vaayitaminootaa fi albuudota qaamaaf barbaachisaa ta’an kan akka Vaayitamin A fi C, Pootashiyeemi, Magnesium fa’a ni qaba.
* Sochii qaamaa si’a’innaan akka hojjannu nu gargaara. Dadhabbii fi dhukkubi maashaalee yeroo sochii qaamaa hojjatan namatti dhagahamu daran ni hirdhisa.
* Koompawundii Citrulline jedhamu waan qabuuf fedhaa fi turtii wolqunnamtii saalaa dhiiraa ni foyyeessa.
* Qorannooleen tokko tokko akka agarsisanitti, carraa kaansarii pirosteetiiti fi kaansarii mardhumaan guddaan qabamuu ni hirdhisa.
* Fayyaa kalee, tiruu, sirna dhiigaa fi madiinummaa qaamatiifis gaariidha.
* Albuudonni isa keessa jiran tokko tokko fayyaa onnee fi ijaa irratti haga tokko gahee qabu.
* Bullaayiinsa nyaataas haga tokko saffisiisuu fi si’eessuuf ni gargaara.
* Vaayitamin A fi C waan qabuuf fayyaa gogaa keenyaafis gaariidha.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
ⒸDr. Nuredin Luke
Shere waliif godha

DHUKKUBOOTA TUQAMUU SAMMUU – Psychotic Disorders

DHUKKUBOOTA TUQAMUU SAMMUU –
Psychotic Disorders
Dhukkuboonni tuqamuu sammuu (psychotic disorders) dhukkuboota haalli ilaalchaa, amantaa, fi yaadni namoota haala qabatamaa (reality) wojjiin hin deemne ykn baay’ee irraa fagaateedha. Namoonni dhukkuba kana qaban: fakkeenyaaf, namni tokko akka waan isaan hordofaa ykn basaasaa jiru, summii itti godhee ajjeesuuf karorfateeruu, sagalee naanno hinjirre dhaga’uu, waan hin ta’ani tokko ta’eera jedhanii amantaa cimaa qabaachuu (fkn ani mootii biyya kanaati jedhanii guutumatti amanuu), namoonni biroo yaada isaanii too’achaa akka jiran, ykn yaadni isaanii hatamee akka raadiyoo fi TV’n daddarbaa jiruu fa’a itti dhagahamuu danda’a.
Namoonni dhukkuba tuqamuu sammuu (saayikoosiisii) qaban hubannoo ykn ilaalcha dhuunfaa isaanii (perception) fi dhugaa jiru (reality) addaan baasuuf rakkatu.
Mallattooleen tuqamuu sammuu suuta suutaan ykn akka tasaa mul’achuu danda’u.
Yeroon namoonni mallattoolee ciminnaan itti agarsiisan (psychotic episode) ykn yeroo tuqamuun sammuu itti cimu jennee ykn yeroo saayikootikii jennee hiikuu dandeenna.
Tuqamuun sammuu (saayikoosisiin) yaada, miira, hubannaa fi amala irratti dhiibbaa fida.
Yeroo saayikootikii, namoonni mallatoole akka:
Waan hinjirre arguu, dhagahuu, funfanchuu (hallucinations):
* Sagalee namni biraa hin dhageenye tokko dhaga’uu
* Wantoota namni biraa hin argine (hinjirre) arguu
* Fooliin naannoo san hinjirre isanitti urgaa’u
* Miira qaamaa hin baratamne, kan akka nama isaan bira hinjirreen akka tuqamaa jiranii itti dhaga’amuu.
Amantaa sirrii ykn qabatama hintaane qabaachuu (delusions):
* Yaada namoota biroo to’achuu akka danda’an ykn namoonni biroo yaada isaanii to’achuu akka danda’an amanuu.
* Akka waan hordofamaa, soqamaa ykn ari’atamaa jiran amanuu.
* Ilmaan namaa kan biroo irraa adda ta’uu isaanii ykn jijjiiramuu isaanii itti dhaga’amuu (amanuu).
Yaada hin gurmoofne qabaachuu (disorganized thinking):
* Yaada tokko irraa gara biratti otoo hin fixin dafanii darbuu
* Waan gaafatamaniif deebii mata duree gaafatamaniin tasumaa wolhinqabanne ykn sirrii kan hin taane kennuu.
* Hima hiikaa hin qabne jechoota wolitti fiduun haasayu (fkn sareen otoo feesbuuki abba deemee balbala Finfinnee).
Rakkoo sochii qaamaa (motor abnormalities):
* Garmalee baay’isani ykn suuta deebii xiqqaa kennuu (fakkeenna otoo wonti miidhaa geessisu isanitti dhufaa jiraate jala dhaabachu ykn garmalee utaalanii of miidhu)
* Galma gahuuf ka’an otoo hin gahin dagachu
Mallattoolee negaatiivii (negative symptoms) kan akka:
* Ibsi miiraa hirdhachuu
* Kaka’umsi hirdhachuu ykn dhabuu
* Gammachuu dhabuu (waan qara gammachuu uumaniiniifis)
* Fedhii hariiroo hawaasummaa dhabuu
Mallatoolee addaa kanniiniin alattis, mallattoolee akka:
* Hirribni jeeqamuu fi fedhii nyaataa dhabuu.
* Qulqullina dhuunfaa isaanii dhiisuu, fi xurii uffatanii, xurayanii deemuu.
* Humnaa fi kaka’umsa dhabuu.
* Jijjiirama miiraa (fakkeenyaaf, garmalee kaka’uu fi gammaduu, sana booda daqiiqaa muraasa keessatti muukayuu fi gadduu).
* Xiyyeeffachuuf rakkachuu ykn xiyyeeffannaa dhabuu
* Haalota kan akka barnoota, hojii, hiriyyota arguu fa’a irratti fedhii dhabuu.
* Haalaa-amalli jijjiramuu (fakkeenyaaf, namoota jaallataniif dhimma dhabuu, walitti dhufeenya addaan kutuu, adda of baasuun namoota irraa addaan cituu, sababa malee kolfuu ykn sababa malee aaruu).
* Yaada wal hin simnee fi burjaaja’aa ta’e qabaachuu.
Dhuukkubni tuqamuu sammuu (saayikoosisiin) akka waliigalaatti marsaa sadiin kan mul’atu yoo ta’u: mallattooleen salphaan suuta suutaan jalqabuu (the prodromal phase); marsaa cimaa (the acute phase); fi marsaa fayyuu (the recovery phase) wal’aansa jalqabuu hordofee muldhatu qabaata.
Mallattooleen dhukkuboota tuqamuu sammuu (psychotic disorders) nama irraa gara namatti garaagarummaa guddaa kan qaban yoo ta’u, namuma tokko irrrattillee yeroo gara yerootti ciminnaanii fi haalaan garaagarummaa qabaachuu danda’u. Namoonni dhukkuboota tuqamuu sammuu (psychotic disorder) qaban jireenya guyyaa guyyaa isaanii adeemsiisuuf baay’ee rakkatu ykn hin danda’an.
Dhukkubootni gartuu tuqamuu sammuu (psychotic disorders) jalatti argaman keessaa ijoo kan ta’an:
• Iskiizoofreeniyaa (schizophrenia):
• Iskiizoo-freeniformii (schizophreniform):
• Iskiizoo-affektiivii (Schizoaffective disorder)
• Dhukkuba Amantii Burjaajjayaa (delusional disorder):
• Tuqamuu Sammuu Akka Tasaa (brief psychotic disorder):
• Rakkoo Tuqamuu Sammuu Araadaan Dhufan (substance- induced psychosis)
Waldhaansa Dhukkuboota Saayikotikii (Tuqamiinsa Sammuu)
Wal’aansi dhukkuboota saayikoosisii adda durummaan rakkoo bu’uuraa dhukkubicha fide yaaluu irratti hundaa’a. Sababoota buʼuuraa san yaaluun qofti gahaa ta’uu danda’a. Dhukkuba tuqamuu sammuu (saayikoosisii) yaala dhukkubichaa qajeela barbaaduuf ammoo:
* Qorichoota: qorichootni gartuu antipsychotic jedhaman gosa qoricha dhukkuba tuqamuu sammuu yaaluuf baay’ee barbaachisan yoo ta’u, qorichoota biroo kan akka farra-muukuu (antidepressant) ykn sirressitoota miiraa (mood stabilizer) jedhaman illee kennamuu danda’a.
* Wal’aansa xiinsammuu kan Cognitive Behavioral Therapy (CBT) jedhamu. Gosti yaala sammuu kun haalawwanii fi dhukkuboota sammuu kan dhukkuba saayikoosisii hammeessuu fi fiduu danda’an yaaluuf ni gargaraa.
* Yaala dhukkubsattoota dhukkubichi itti cimee hospitaala ykn kiliniika adda yaala sammuu cibsuun kennamu.
* Kunuunsaa fi deeggarsa dhukkubsattoota godhaman. Namoonni baay’een haalawwan biroo kanneen akka araada dhugaatii alkoolii ykn wantoota sammuu hadoochan kan biroo irraa ykn haalota fi dhukkuboota sammuu irraa akkasumas jeequmsa dhuunfaa irraa kan ka’e dhukkubni tuqamuu sammuu kun mudata. Kaanaf, haalotaa fi rakkoolee kana fooyyeessuu irratti deeggersaa fi kunuunsa argachuu qabu.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Dr. Nuredin Luke
Shere waliif godha

Dhukkuba Rifaatuu Tasaa – Panic Disorder

* Gartuu dhukkuboota yaaddoo garmalee (anxiety disorders) keessaa isa tokko.
* Dhukkuboonni yaaddoo garmalee (anxiety disorders) dhukkuboota yaaddoo cimaa fi sodaa yaaddoo san irraa madduun, haalli hojii, barnoota ykn hawaasummaa namoota itti jeeqamuudha.
* Bu’aa ba’ii jireenyaa keessatti yaaduu fi dhiphachuun waanuma jiru ta’ullee, garuu yaaddoon akka dhukkuba yaaddoo garmaleetti (anxiety disorders) fudhatamu isa yaaddoo fi sodaan namoota haala qabatama wojji hin deemne, kan yeroo hunda itti dhagahamu, fi haala jireenyaa namoota irratti dhiibbaa fideedha.
Dhukkubni rifaatuu fi hollattiinsa akka tasaa ( Panic Disorder) irratti:
* Namoonni otoo hin yaadin miirri sodaa ol’aanaan, naasuunii fi hollatiinsi tasa sababa malee isaan mudata.
* Akkasumas balaa ol’aanaa keessa kan jiran isaanitti fakkaatuu irraa tarkaanfilee garagaraa kan balaaf isaan saaxilu raawwachuu danda’u.
* Dhukkubni rifaatuu akka tasaa rakkoo fi mallattoo qaamaa fi sammuu walmakaa ta’an kan agarsiisu yoo ta’u, yeroo dhukkubichi namatti ka’u (panic attack), mallattoolee asiin gadi kana keessaa hedduun isaanii walitti makamanii mul’atu:
* Dha’annaa onnee namatti beeksisuu fi saffisuu,
* Miira hafuura kutuu ykn ukkaamsuu,
* Dafquu,
* Raafamuu ykn hollachuu,
* Miiraa tasa hoo’i qaama irra faca’uu,
* Kokkee irratti miira hudhamuu,
* Dhukkubbii laphee fi garaa,
* Lollojji, haqqee,
* Harki hohollachuu,
* Mataan itti salphatuu,
* Lafti ittiin naanna’uu, hanga iddoo jiran wollaaluu fi of-wallaaluu gahuu danda’u,
Akkasumas sodaa cimaa rakkoon kun deebi’e na mudata jedhu qabaachuu irraa iddoo inni itti kanaan dura isaan mudate dheessuu. Yeroo rakkoon kun isaan mudate akka waan du’aa jiranitti yaaduu fi cinqamu.
Mallatooleen kun namoota dhukkuba kana qaban irratti guyya tokkotti si’a heddu ykn woggaa keessatti si’a muraasa qofa isaan mudachuu danda’u.
Mallattooleen kun baay’ee cimaa ta’uu irraa namoota isaan bira jiran rifaasisuun akka waan dhukkuba onnee akka tasaa ykn dhukkuba lubbuu namaa balaa irra buusu kan biraa isan mudatee shakkuudhaan hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa geessunii danda’u.
Giddugaleessaan umriin jalqaba dhibeen rifachuu fi hollatiinsa akka tasa kun itti nama jalqabu woggaa 20-24 ti. Innis rakkoowwan sammuu kan biroo kan akka dhukkuba muukuu (depression) ykn yaaddoo garmalee balaa booda dhufu (PTSD) wajjin mudachuu danda’a. Dhiiroota caalaa rakkoon kun yeroo hedduu dubartoota irratti mudata.
Dhukkubni rifaatuu akka tasaa (Panic Disorder) yaala qorichootaatiin, gorsa xiinsammuutiin, waa’ee rakkinnichaa irratti hubannoo gaha argachuun yaalamuu fi woyyachuu danda’a.
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
—-
Dr. Nuredin Luke
Shere waliif godha

DHUKKUBNI SUKKAARAA MAALIIDHA?

DHUKKUBNI SUKKAARAA MAALIIDHA?
Nyaannii fi dhugaatiileen adda addaa nuti fayyadamnu bullaayiinsa gochuun gara bu’aalee soorataa (nutrients) akka kaarboohaydiraeetii, pirotiinii, lippiidii, vaayitamiinii fi albudootaatti jijjiramu. Bu’aaleen bullaayiinsa nyaataa kunis daakkamuun gara qaama xiqqaa isaan uumuutti geeddara.
Kaarboohayidireetonni daakkamuun gara qaama isaanii xiqqaa ta’e gulukoositti geeddaramu. Gulukoosiin ammoo qaamaaf akka anniisaatti tajaajila. Akkuma konkolaataan tokko socho’uuf boba’aa barbaadu san, qaamnis akka madda anniisaatti gulukoosii fayyadama. Gulukoosin kunis nyaatni erga daakkame booda mardhumaan keessa hidda dhiigaatti xuuxama.
Gulukoosii hidda dhiigaatti xuuxamee jiru kana ammoo seelonni ofitti fudhatanii anniisaaf oolfachuuf, akkasuma kan darbaa ta’e kuusachuuf hormoonota barbaadu. Hormoonota waan kana irratti hojjatan keessaa ijoo kan ta’an lamaan: Insuliinii (Insulin) fi gulukaagoon (glucagon) jedhamu. Insuliiniin hormooni ijoo seelonni akka gulukoosii ofitti fudhatan godhu yoo ta’u, gulukaagoonin ammoo gaafa gulukoosiin dhiiga keessaa xiqqaate qaamni kuusaa qabu irraa akka fayyadamu kan godhuudha.
Hormoonota lamaan kana, insulinii fi gulukaagoni, kan oomishu rajiijii (pancreas) dha. Rajiijii (pancreas) keessa iddoo “Islets of Langerhans” jedhamu kan seeliiwwan adda addaa qabutu jira. Seeliin alfaa jedhamu gulukaagoonii yoo maddisiisu, seeliin beetta jedhamu ammoo Insuliinii maddisiisa. Insuliiniin ammoo hormoonii ijoo akka seelonni qaamaa dhiiga keessaa gulukoosii (sukkaara) ofitti fudhatan godhuudha. Seelonni qaamaa (keessattu tiruun, maashaleenii fi tishuuwwan coomaa) gulukoosii dhiiga keessa jiru ofitti fudhachuuf Insulinii isaan barbaachisa. Yoo Insuliiniin hin jirree ta’e seelonni kun gulukoosii dhiiga keessa jiru ofitti hin fudhatan. Kanaaf, gulukoosiin (sukkaarri) dhiiga keessa jiru olka’aa ta’a ykn ni baay’ata.
Dhukkubni sukkaaraa dhukkuboota sababa garagaraatiif hammi sukkaara dhiigaa (gulukoosiin) yeroo dheeraadhaaf akka olka’aa ta’ee turu godhaniidha. Seeliin rajiijii (pancreas) kan seelii beetta jedhamu kan insuliinii maddisiisu miidhamuun ykn baduun akka insuliiniin hin oomishamne godha. Kun ammoo sukkaara qaamaa olkaasuun sababa ykn ka’umsa dhukkuba sukkaaraa gosa dura (Type- I Diabetes Mellitus) ta’a.
Akkasuma, hammi insuliinii oomishamuu xiqqaachuun ykn insuliiniin oomishamaa jiru hojii isaa haalan dalaguu dhabuun ykn dadhabuun, qaamonni si’eessuumman isaan Insuliiniif qaban xiqqaachuun, kana irraa sukkaarri qaamaa dabaluun ammoo dhukkuba sukkaaraa gosa lammataa (Type-II Diabetes Mellitus) sababa ta’a.
Kanaaf, jiraachuu dhukkuba sukkaaraa wojji wolqabatee nyaatni kaarboohayidireetii kan daakkamuun gulukoosii ta’u, hormooniin Insulinii jedhamu kan rajiijiin oomishamu gahe guddaa waan qabaniif nyaata dhukkubsattonni sukkaaraa nyaatan irratti akka of eeggannoo godhan gorfama. Insuliinii qaamni oomishu dadhabee bifa limmootiin alaa keennuun, ykn qorichoota si’eessummaa insuliin dabalan kennuunis dhukkubni sukkaaraa yaalama. Yaala otoo hin argatin yoo hafe, hammi sukkaaraa qaama keessatti olka’aa ta’ee turu xaaxawwanii fi rakkoowwan ijaa, narvii, kalee, sammuu, onnee, lukaa fi qaamota kan biroo irraatti dhaqqabsiisa. Akkuma as irraa hubachuun danda’amutti dhukkubni sukkaaraa, waan mi’a’oo ta’an baay’isanii fayyadamuu irraa waan nama qabu (uumamuu) miti, garuu yoo dhukkubni sukkaaraa jiraate waan mi’a’oo ta’an irratti ofeeggannoo gochuu barbaachisa.
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Dr. Nuredin Luke
Shere waliif godha