Mootummaa jijjiiramaa naannoo keenyaa

Mootummaa jijjiiramaa naannoo keenyaa, waggoota afran darbaniif, inisheetivoota qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasan babal’dhisuu irratti argama. Kanneen keessaa tokko pirojeektii misooma jallisii yoota’u, hanga ammaatti, piroojektoota hidha bishaanii 73 goolabbiifi sadarkaa ijaarsaa adda addaa irratti argaman raawwachaa jira.
Gama biraatiin, piroojektoota hidha bishaanii mootummaa federaalaatiin naannoo keenya keessatti jalqabamanis, jala bu’uun hordofuu irratti argamna. Piroojektoota kanneen keessaa lamaan isaanii: (1) Piroojektii Misooma Jallisii CALCAL, godina Baalee Bahaa, (2) Piroojektii Misooma Jallisii WALMAL, godina Baalee keessatti hojjetamaa jiran haa ilaallu.
Piroojektii Misooma Jallisii CALCAL
Piroojektiin Calcal, Godina Baalee Bahaa, aanaa Raayyituutti kan argamu yoota’u, yeroo xummuramu lafa hekt. kuma 4 jallisiin kan misoomsu ta’a. Piroojektichi Lootii lamatti qoodamee hojjetamaa kan jiru yoota’u, lootii-1 jalatti hojiilee laga jallisuu/garagalchuufi ijaarsa bo’ii gurguddoo ni argamu. Dhuma barichaa irratti raawwii hojii lootii-1, %19.89 irraan gahuuf kan karoorfame yoota’u, raawwiin hanga kurmaana lammaffaa %76.8 milkaa’ee jira. Akkasumas hojii lootii-2 (qophii lafa jallisii) %86’tti ol guddisuuf karoorfamee haala gaariidhaan raawwatamaa jira.
Piroojektii Misooma Jallisii WALMAL
Piroojektiin misooma jallisii Walmal, godina Baalee Lixaa, aanaa Harannaa Bulluqiifi Dallomannaatti kan argamu yoota’u, yeroo xummuramu lafa hekt. kuma 11 kan misoomsu ta’a. Akkuma isa duraa, inni kunis lootii lamaan adeemsifamaa kan jiru yoota’u, dhuma barichaatti,raawwii lootii-1, %80.98 irraan gahuuf hojjetamaa jira. Raawwiin hanga kurmaana lammaffaa jiru karooraa ol, %112.6 kan milkaa’e yoota’u, raawwii waliigalaa %79.27 irraan gaheera. Dhuma barichaa irratti, raawwii Lootii-2, %66’n gahuuf kan karoorfame yoota’u, hanga ammaatti karooraa ol, %101.8 milkaa’ee jira.
Mootumman, piroojektoonni kunneen, humna dinagdee naannoo keenyaa ta’uurra darbee, ce’uumsa qonna biyya keenya dhugoomsuuf kan tumsan ta’uu hubatee ariitiifi qulqullina barbaadamuun akka raawwataman hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne taasisaa kan jiruufi fuuldurattis cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun barbaada.
Dabalataaniis, godina Baalee Bahaa keessatti, piroojektoota Finnaa mootummaa naanniichaatiin hojjetamaa jiran Afur: Dhoofaa, Kattaa Dibbee, Goyderifi Bakkee Haroo (lak. 1-3 kan jiran bara kana kan xummuramaniidha), akkasumas, godina Baalee keessatti, piroojektii idilee mootummaa naanniichaatiin hojjetamaa jiru tokko: Yaadoot ni argamu.

Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.

Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi’aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.
1. BISHAAN (WATER)
Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
 Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta’eefidha.
 Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroo qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa bareedaa qabu keessa turuu fi aduutti ba’uu dhiisuun hedduu nu gargaara.
2. IFTAR
 Iftar irratti nyaata annisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta’e soorachuu qabna.
 Yeroo hedduu tamiirii (dates) ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta’ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Tamiiriin nyaata rafeejii (fibre) hedduu barbaachisu of keessaa qabudhas.
 Kuduraalee fi muduraalee ga’aa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi neutrientota addaa addaa argachuuf hedduu nu gargaara.
 Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
 Foon (coomaa hin qabne), lukkuu (gogaa ishee irraa hambisuun) fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga’aa akka argatu gargaara.
Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irraa gurguraman fi sooratni sukkaara hedduu of keessaa qaban hin gorfaman.
 Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.
3. SUHUUR
 Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin hedduu raagan, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
 Nyaati suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu’aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.
4. HAALA NYAATA WALII GALAA IRRATTI
 Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
 Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga’u qofa nyaachuudha.
 Haga danda’ame bakka tokko taa’aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay’isuun fayyaaf ni gorfama.
5. HAALOTA ADDAA
5.1 Dhukkuba Sukkuuraa
 Namoonni dhukkuba sukkaaraa keessumaa ammoo dhukkuba sukkaaraa isa gosa 1ffaa (kan yeroo baa’yee ijoollee fi dargaggoo hubu ykn type 1 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban akka soomuu hin filanne gorfama.
 Namoonni dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (kan yeroo hedduu namoota ga’eessota waggaa 30 olii hubu ykn type 2 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban ammoo yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.2 Dhiibbaa Dhiigaa
Namoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabanis yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.3 Haadholii ulfaa fi harma hoosisan
 Karaa amantii soomaaf kaadhimamoo akka hin taane akkuma jirutti ta’ee, yoo tarii akka tasaa soomuuf murteessan, dirqama hakiima isaan yaalu waliin dursanii mari’achuu qabu.
6. FAKKEENYA (EXAMPLE) NYAATAA IFTAR fi SUHUUR
6.1 Fakkeenya (examples) nyaata iftariif qophaa’uu:
 Shoorbaa kuduraalee kan manaatti hojjatame (kan daakuu suuqii irraa bitamuun hojjatamu osoo hin taane jechuudha).
Salaaxaa magariisa.
 Fuduraalee walitti makaman (squash/eggplant/grape leaves).
 Foon lukkuu
 Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni bishaanichaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
6.2 Fakkeenya (examples) nyaata suhuuriif qophaa’uu:
 Daabboo muraa lama.
 Hanqaaquu sirriittii bilchaate (bilchaate).
 Sliced vegetables from two vegetables.
 Chiisii (bu’aa loonii).
 Gosoota shayii addaa addaa kan kaafeenii ofkeessaa hin qabne.
Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni isaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
Ramadaan Mubaarak, Ifaara Gaarii!!!
©Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Finfinnee Arda Jilaa Ganamaatti Madaqaa Jirra

Adeemsa seenaa dabaa magaalummaa biyya kanaa irraa kan ka’e, ummanni Oromoo magaalaa irraa dhiibamaa/baqachaa tureera. Dhibban gara lagannaatti cehe kun, dhawaata keessa olaantummaan caaseffama siyaas-dinagdee, hawaasummaafi agarsiiftuwwan eenyummaa (symbolic represention) magaalota qe’ee isaallee guutummaatti ummata biraatiif kan kenne ture. Keessattuu magaalaan Finfinnee, han’dhuura lafaafi arda jila isaarratti argamtus, ummata Oromoo akka sabaatti alagoomsaa turteerti. Kanarraa kan ka’e, magaalattii keessatti, agarsiiftuun ijaarsaas ta’ee kiliyaa eenyummaa ummatichaa arguun baramaa hinturre.
Mootummaan keenya, ammaan booda, seenaa kufaatii, miidhamaafi buqqa’iinsaa akka kanaa kurkursuun mataa isaatiin bu’aa qabeessa jedhee hinfudhatu. Kanaaf, hiree argameen hojiilee adeemsa kaleessafi dhiibbaa konkolaatee asgahe dhaabsisan raawwachuun, fuula seenaa haaraa banuu filatee hojiitti galeera.
Bu’uuruma kanaan, yaadama haaraa magaalummaa beeksisuun ummaticha magaalaatti madaqsuu, akkasumas carraa jiru hundarraa fayyadamaa taasisuuf xiyyeeffannaa olaanadhaan hojjechuu irratti argama.
Finfinnee qofa yoo ilaallu, sochiilee bal’dhaa shoora hawaasni keenya magaalicha keessatti gama hundaan qabu daran dabaluu danda’an taasifamaa jiru. Keessattuu, warraaqsi gama aadaafi duudhaa, siyaas-dinagdeefi hawaasummaatin taasifamaa jiru lafa qabsiisuuf, piroojektoonni gurguddaa hedduun hojjetamaa jiru.
Kanneen keessaa piroojektoota: Giddugala Leenjii Aartii Oromoo, Giddugala Qophiifi Nyaata Aadaa Oromoo, Giddugala Gabaafi Agarsiisa Meeshaalee Aadaa Oromoo, Baankii Siinqee, Gamoolee Gaaddisafi Hir’pha (Buusaa Gonofaa Oromiyaa), Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa, Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, ‘OBN Midea Complex’, Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaafi intarpiraayizoota mootummaa adda addaa
tarreessuu dandeenya.
Raawwiin hanga ammaa jiru, cichoomina mootummaan jijjiiramaa gaaffii ummataa deebisuufi dhugaa sabichaa tiksuuf qabu akkasumas hoggansa waadaa galame hojiitti jijjiiruuf dandeettii qabu ta’uu kan agarsiisudha. Jalqabbiin kun gara fuulduraattis cimee kan itti fufuu ta’a. Magaalonni ummata keenyaaf carraa malee laguufi alagaa ta’uun nihafa!

Dhaamsa,Yaadaa fi Yaadachiisa murti guto

Dhimma kana Callisuu Filadheen Ture Callisuu ammoo nan dadhabe Kanaafan dubbadhe
asii gadii Obsaan dubbisaa!👇
Akkuma beekkamu Ji’a Ramadaanaa kana keessa Magaalota Gugurddoo akka Finfinnee, Dirree dhawaa Adaamaa fi Kkf hundatti Afxirri Daandirraa Guddaan kan namoonni Miliyoonaan lakkaa’amu irratti argamu Gaggeeffamaa turuun ni beekkama! Akkasuma bara kanas qophaa’aa jiru!) Eyyen maalin jechuu barbaade, Carraa kanaan dursanii osoo guyyaan hin ga’in Koreen ijaaraamee Gama majliisa Walii galaa fi Oromiyaatin bulchitoota magaalaa kanneenii irraa Hayyamni gaafatamee) Namoota achitti wal gahu hundarraa yoo xiqqate Qarshi kudhan kudhan tahullee yoo walitti qabamee Gargaarsa Uummata walloo kan bara baraan Miidhamaa jiraatu kanaaf Akka Oolu godhamee gaaridha jedheen amana!
Kana qofaa miti Ramdaanaa Kudha 15nan boodaa kana irraa jalqabee Hamma Dirree EID’atti Masjiidaalee Oromiyaa hundatti Salaataa Taraawii irratti Gargaarsi Akka walitti Qabamu Osoo godhamee Karaa Imaamota masgiidaatin,Akkuma galgala kana Ustaaz raayyaan ja’ e Zakkaan Barana kanaatis, walloof Gargaarsa ta’uu qaba! Ayyaanota as deeman hunda irratti manneen Amantaa Kiristaanaa ortoodoksii fi protestant) waaqefataa hundatti bifa wal fakkaatuun Osoo Walitti Gargaarsi kun walitti qabamee Uummata keenya Walloo kanaaf akka Oolu godhamee gaaridha!) Torbee tokko ykn lama Iyyanii callisuun Furmaata waaraa hin fidu! Abidda Qabate tokko hamma xumuraatti yoo dhaamsan malee,Kan daaraa keessatti dhokatee Hafe qilleensi xiqqaan tokko yeroo dhufe deebi’ee Belbelee Miidhaa dhaqabsiisa) Walloo humneessuun Akkasitti walitti fufiinsaani malee Torbee booda dagannee,Yeroo dhuma waggaan gahee Ramadaana keessa miidhaman qofa iyyinee gargaaruun sirrii miti) xumura itti godhuudha Akkuma Fiinxaaleyyiin jaraa Alaafi keessaan wal jaartee qabeenya walitti Qabdee Oromooti walloo dhabamsiisuuf kutattee kaate kana Arginuu!
Abbootii Qabeenyaa Sooreyyiin Oromoo maal jedhu?
( “Who mines who” Nuti Oromoon hoo?)
( Gama biraatin Ammatti Qarshiin Gargaarsa Hawaasa keenya walloo kanaaf Baka gara garaatti account banamee Walitti qabamaa jiraachuun Ni beekkama! Ta’us Qarshiin kun Warra miidhamee ciisaa jiruufi kan achitti Diina dura dhaabbatee falmaa jiraniif Dhaqqabaafi jiraa laata? yoom dhaqqabaaf? Yeroo kanatti Saffisaan hin dhaqaabeefi Rakkoo tana ittin bahan taanaan yoomiif walitti qabama?
Qarshiin baankiitti kuufamuun Qofti ga’aa miti Osoo kan madaa’ee yaala barbaadu Karaa ittiin mana yaaluu dhaquuf Qarshiin isa barbaachisuu! Osoo kan madaa’ee ciisaa jiru Qoricha hin argatin,Kan ciisu waan nyaatu waan uffatu hin argatin kan Madoo jala dhufee as jiru osoo Wanta isaan barbaachisu hin argatin kan achii lolaa jiru Waan isa barbaachisu osoo hin argatin! Maatiin manni irraa gubate osoo Aduuf Qorra keessa jiruu? Nyaata keessaa kamtu gaaridha jennaan, kanuma yeroo beela’an nyaatani jedhan) kanaafuu Qaamni dhimmi kun Ilaallatu Gadi fageenyaan Itti yaadaa jenna)
Yoom kana Qofa.
Dhimmi Ummata keenya walloo Kan bara baraan Adaamii Ollaa qajimaa ta’ee Dhumaa Buqqa’ee Galgalaa ganama boo’aa jiraatu kanaaf; Account Gaafa rakkoon mudate bakka gara garaatti banamee ittiin Birriin Funaanamu Qofa osoon taane, Dhaabbanni #Nonprofit_organization ta’e kan Tola Ooltummaa Guddaan Faayidaa fi namoota dhunfaa irraa bilisa tahe tokko kan Yeroo hunda walloo qofaan Ittii gargaarru maaf hin Dhaabbatu?! Inni akkasii sun jiraannaan Gaafa bal’oo fi lafti nagayaa Alaaf keessaan Qarshiin buusii Itti walitti qabamee yeroo rakkootif ta’u Maaf hin hundeeffamne?
Dhugumatti Dhimmi kun salphaa miti, itti yaadamuu qaba santu fala! Balaa osoon buune maganfatu jatti manguddoon teenya..! Kuni Yaaduma dhunfaa Kiyya akka ta’e naaf hunadhaa! Ammatti Hatattamaan Wanti Rakkoo Oromoo Walloo kanaaf hin taane qilee haa lixxuu.💔
Yaada akka feetee kana irratti yoo waliif galte share godhi!

buqqeen bara argatte dhagaa

buqqeen bara argatte dhagaa cabsiti jennaani malee warri Sitizins lafaa dhufoon kun akkamiin warra the blues jedhamanii seenaa bareeda qaban kana akka #wayyaaneen dur ilamaan keenya #wannoosaanitti xaarmusii rarraasaa turanitti akkamumaan amma kana tuffiin itti qoosun jedheem warri namicha mataa moluu #Pep Gardiolan durfaman kun🤔 #hooooo
✅Leenci dulloome mixii funaana yaa Chelsiikoo😥shittt
✅Chelsean haqa dubbachuuf akka haadha manaa nugusaatti kabaja qaba ture waggoota muraasa dura! dubbiin amma gaggaragaleeti akka dubartiin abbaa manaa irraa du’eetti kilabumti rakkattee barana oldhuftes Cheelsiif gadinjettuu reebdee manatti deebisti😥
✅sadarkaa 10ffaa irraa gadis olis siquu dide Chelsiin akkuma #silxaana obbo #Demeke_Mokonon😁😋
🔇yaw obbo Demekeen bara dhufaa darbaa itti aanaa muummicha Ministeeraati (bara Meles Zeenawi bara H/Mariyam Desalegn bara Dr Abiy Ahmed🙆‍♂️) #what_a_generation
✅Walumaa gala Chelsiin nuyi beeknu nugusa duriiti malee likiskisii ammaa kana miti (ooww Sidib tesadebku😥)
dhuga himuuf garuu ammalee taphattoota kilabni kamuu hawwantu qe’ee Cuquliisotatti ugguramee jira👌
🔶City ammoo seenaa achi fagoo duubatti deebitee galmeesaa qorachuurra du’a waan filatan fakkaatu😁
🔶akkuma lafa bonaa bishaan dheeboteetti waggaa afurtamii wayi booddee geebatti yoo #Sergo_Kun_Agueron isaan deebisu afuurri itti deebiteeti harkisaani jiidha qabatee jennaan ergasii kunoo kaazenaan isaanii Geeba babbareedaan faayame👏
🔶ammaga Chelsen akkuma yeroo darbee sana City afuurammoo kutee Arsenal fi Liverpooliif hojii xiqqeessinnaayi jennee eegaa jirra nuyi deeggartoonni faallaa😋 #Eechabbaakee
🔴Dhukaastotaaf taanaan Chelsonni ollaa bunaati😋
🔴ollaaf dugdaan lafaa ka’uga adaraakee Chelsikoo mataarra nuuf deemi jarattii🤲😥
jara kana daqiiqaan 90 ifa baasaa sa’aa 2:30tti gatii dafqasaanii jennus Warra #Jorginio fi #Havertz nuuf gumaacheef carraa cululuqaa jenneerra dhukaastonni

Shamphiyoona Waldorgommi Isportii

Shamphiyoona Waldorgommi Isportii Guutuu Aanaalee Godina h/Lixaa Marsa 30ffaa guyyaa arraas akkuma itti fufetti jira…
Haaluma Kanaan Waldorgommiilee Guyyaa arraa gaggeeffameen.
Kubbaa Miilaa Div2ffaa Dhiiraan
Doobban 2:1n Gammachis yo injifattu
Ancar 9:0n Sh/Dhuggo
G/Qoricha 2:1n B/Dhintuu
G/Bordode 4:2n Bookee Injifatanii jiru
Kubbaa Saaphannaa
Div1ffaa Dhiiraan
B/Dhintu 3:1n Habro yo injifatu
BMC 3:1n Doobba injifateera
Div1ffaa Dubaraan
H/Guddina 3:0n O/Bultum yo injifattu
Div2ffaa Dubaraan
A/Ciroo 3:2n Bookee injifatanii jiru
Tapha Daartii Qeenxee Dubaraan
BMC 2:0n Miesso yo injifatu
A/Ciroo 2:1n Xuulloo injifatee jira
Tapha Daartii Qeenxeen Dhiiraan
Doobbaa 2:0n Mi’eessoo yoo injifatu
A/Ciroo 2:0n Bookee
Xuulloo 2:0n BMC 2-0 Injifatee jira.
Taphoonni hafan guyyaa boruus kan itti fufu ta’a.Madi Oduu Ittii Gafatamaa dhiimmaa
Dargaggoo fi sporti godinaa harargee lixaa Abdulbasit ahmed

Sirni Gadaa horata ummata Oromoo ijoodha

Sirni Gadaa horata ummata Oromoo ijoodha. Sirni Gadaa sirna yabbuufi ulfaadha. Hundee sirnaafi seeraa, citaafi sa’aati.
Jaarraa tokkoo oliif qoqqobbii sirnootaa jala galee moggeeffamuun haphachaa turuun yaadannoo yeroo dhiyooti. Akka dhiibbaa hamaan irra tureetti kan badee hafuu ture. Haata’uutii, ummanni keenya sirnaafi aadaa isaa irratti waan cicheef deebi’uu irra darbee beekamtii idil-addunyaa argateera. Akkuma beekamu Sirni Gadaa Mootumoota Gamtoomanitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO)tti hambaa killiyyaa mitnafoo (intangible) dhala namaa ta’uun galmaa’eera.
Sirna kana itti cichee har’aan gahuu irratti Oromoon Gujii adda dureedha. Oromoon Gujii warra Gadaan bulu qofa osoo hintaane ummata hanga har’aatti wabii sirna kanaa ta’ee asiin gahe. Kanaaf, Gujiin bara 1424 irraa kaasee, jarraa jahan darbaniif Abbaa Gadaa isa hogganaa turan hunda dogoggoraafi dabsa tokko malee tarreessee himuun isaa ragaadha. Bara kanas, akkuma diroof dabareen raawwachaa dhufe sirna baallii walii dabarsuutiif Me’ee Bokkootti walgahee, safuufi seera eegee, sirnaafi ayyaaneffannaa garagaraan raawwate.
Akkuma tumaafi seera Gadaa Oromootti guyyoota torbaan darbaniif walitti fufiinsaan Me’ee Bokkootti jilli taa’ee, seera, “Wayyooma Waaqaa Lafaa akkasumas, Bulii Olii Ilmaafi Intalaa” yuba sagal teessisee lallabeera. Gumiin kun abbaa qabdi. Abbaan ishee Abbaa Gadaa Jiloo Maandhooti. Abbaa Gadaa Gujii waliigalaa ykn Haaganaa anfa marsaa 74ffaa hogganaa ture.
Sirni walharkaa fuudhinsa Baallii marsaa 75ffaa kanaan yaani doorii qachaa Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo deeme aananiifi bookaa (daraaraa) unate;
“Hoo’aa mi’ii gadaa tiyyaa
Hoo’aa itittuu gadaa tiyyaa
Hoo’aa areera gadaa tiyyaa
Hoo’aa daraaraa gadaa tiyyaa” Jechuun eebbifame.
Gadaan Gadaa Harmuufa irraa gara Gadaa Roobaleetti ce’e. Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo Baallii fudhatan! Abbaa Gadaa duraanii Jiloo Maandhoo Yuba ta’an! Dooriin Gadoome! Yaani Doorii Gadoome!
Ummanni Oromoo bifa kanaan Sirna Gadaa asiin gahe. Akka qaama dhaloota kanaatti, ardaa jilaa Me’ee Bokkootti argamee sirna baallii dabarsaa marsaa 75ffaa argee ragaa ta’uu kiyyatti hedduu gammadeera.
Galmoonni Mootumma Jijjiiramaa keenyaas ummata Oromoo aadaafi duudhaa isaatti deebisuudha. Haaluma kanaan, yeroo kamiyyuu caalaa misoomsuun fayidaa ummatichaaf oolchuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jira. Sirna Gadaa qaama sirna barnootaa taasisuun kutaa tokko irraa eegalee barsiisaa jira. Sadarkaa barnoota olaanaatti sadarkaa digrii lammaffaafi sadaffaatti xiyyeeffannoo qorannoo akka argatu jajjabeessaa jira.
Akkasumas, yaadamoota Gadaa deebisee sirneessuun ijoo itti taasisuu irratti argama. Falaasama sirnichaa irraa waraabuun Manni Murtii Aadaa hundeessuun haqa waloo mirkaneessaa jira. Tajaajila Lammummaa sirneessun misooma hawaasaa finiinsaa jira.
Aadaafi duudhaa wal oolchuufi walhirphuu deebisee gadi dhaabuuf Buusaa Gonofaa sirneessaa jira. Hirpharra darbee daa’imman mana barnootaa jiraniif nyaata madaalawaa dhiyeessuun dhaloota ijaaraa jira. Nageenya waloo mirkaneessuuf Gaachana Sirnaa lafa qabsiisaa jira. Yeroo itti aanuttis dhaabbileen humna waloo kunneen gahuumsafi dhaqabummaa isaanii bal’isaa kan deemu ta’a.
Me’ee Bokkoo lafa seenati. Jaarraa hedduuf wiirtuu tumaafi lallaba seeraa akkasumas murtiiti. Me’ee Bokkoo ardaa jilaa baalliin itti dabarfamu waan ta’eef, masaraa mootummaa Oromoo Gujiitti. Ardaa kabajaafi safeeffatamuudha. Gujiin yeroo Waaqa isaa kadhatu Me’ee Bokkoo maqaa dhahuun kanaafi.
Haaluma kanaan, Mootumman Naannoo Oromiyaa sirna walharkaa fuudhinsa Baallii marsaa 76 dura, ardaa jilaa ulfoo, Me’ee Bokkootti giddugala aadaa kan ijaaru ta’uu ifoomsaa, Ummata Gujii akkasumas Ummata Oromoo maraan, baga sirna Baallii dabarsuu Me’ee Bokkoo 75ffaa geessan, geenye jechuun barbaada. Yeroon dhufu, bara aadaan teenya lalistu, bara duudhaan teenya itti gabbatu akka ta’u hawwiin qabu ibsuun barbaada.
Gadaan quufaa gabbina;
Gadaan Roobalee misa.
Horaa Bulaa; Deebanaa!

Bu’aa Finnaa: Cehumsa Dinagdee Keenyaatiif

Bu’aa Finnaa: Cehumsa Dinagdee Keenyaatiif
Naannoo keenyatti lafti bal’dhaan (%43’tti dhiyaatu) amala gammoojjummaa kan qabuudha. Lafa bal’dhaa kanarra hawaasni jiraatu dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin, rakkoolee darbee darbee mudatuun kallattiin saaxilamaa ta’aa tureera. Hundaa’ol balaan gogiinsafi hongee deddeebi’ee naannawa kana mudatuu barootaaf qormaata naannoofi biyya keenyaa ta’uun yaadannoo yeroo dhiyooti.
Mootummaan jijjiiramaa, rakkoolee barootaaf akkasumatti ilaalamaa turan kanneen hundeerraa hiikee furmaata waaraa fiduuf qorannoo saayinsaawaa akka haldureetti fudhachuun kallattiin hojiitti gale. Tarkaanfii kanaanis leecalloo naannawa kana jiran; lafa, bishaan, beeyladafi dilbiiwwan qabeenya umamaa madda misoomaa olaanaa ta’an adda bahaniiru. Hawaasni gahuumsaafi humna misoomaa daran olaanaa ta’e osoo qabuu rakkoodhaaf saaxilamaa ture kun, ofirra darbee ijoo dinagdee naannichaatti cehuu nidanda’a, ijjannoo jedhu akka tarsiimootti kan fudhatameedha.
Bu’uuruma kanaan, mootummaan toora xiyyeeffannoo sadi qabatee hojiitti galeera. Isaanis; 1) lafa banaa dheedumsaa misoomsuu; (2) bu’uuraalee misoomaa baay’ina, ariitiifi qulqullinaan ijaaruu; (3) cehumsa jiruufi jireenyaa hawaasaa dhugoomsuu kan jedhaniidha. Isa duraa yoofudhanne, hojiin dhiibbaa qilleensa naannawichaa xiqqeessuufi bulchiinsa lafaa ittifufiinsa qabu diriirsuun, qonna babal’dhisuufi oomishtummaa dabaluuf, sochii bal’dhaan taasifamaa jiraniidha. As keessatti, hojiileen kuusaafi raabsaa bishaanii hedduu murteessoodha.
Mootummaan tarsiimoofi sagantaalee toora sadi jalatti qoodaman kunneen qabatamaan lafa qabsiisuu irratti argama. Kanaanis, akka naannoo Oromiyaatti pirojektoota Finnaa 73 hojjetamaa jiran keessaa, walakkaan (36) naannawa horsiisee bulaa kanatti kan argaman yoota’u, yeroo gabaabaa keessattis bu’aa olaanaa argamsiisaa jiru. Bara darbe qofa, baajata bir. bil. 2.4 ta’uun piroojektoota 12 xumuruun danda’ameera. Bu’uuruma kanaan, lafti hekt. 2,899 gara misooma qonnaatti kan gale yoota’u, abbootii warraa 16,910 fayyadamaa taasisee jira.
Bara kana ammoo, baajata bara darbee dachaan dabaluun pirojektoota 19 kan jalqabne yoota’u, lamaan (2) isaanii guutumatti xumuramaniiru. Kanaanis, lafa dabalataa hek. 7,410 gara misooma qonnaatti galchuun, abbootii warraa 15,791 fayyadamaa taasiseera.
Dabalataanis, mootumman naannichaa tajaajila liqii bittaa galtee qonnaatiif oolu mijeessuu, akkasumas hidhamiinsa gabaa uumuu irratti hojii bal’dhaa raawwataa jira.
Walumaagalatti, pirojektoonni bal’dhaa naannawa kanatti mootummaadhaan hojjetamaa jiran rakkoo irra deddeebiin hawaasicha mudatan hundeen furuurra darbee, naannicha gara humna dinagdee naannoofi biyya keenyatti kan olguddisuudha.

SHAGGAR city oromiya

“SHAGGAR lafa Horaa, SHAGGAR lafa Tolaa”
Akkuma beekamu hubannoon magaalaafi magaalummaa biyya keenyaa, seenaa hundeeffamaa dabaa magaalota biyyattii irraa kan maddudha. Akkuma yeroo adda addaa fuuluma kanarratti kaasuuf yaalle, adeemsi hubannoo dabaarraa maddu kun gama tokkoon ummata Oromoofi magaalaa dugdaafi garaa taasisuun moggeessaa ture. Gama biraatiin ammoo, magaalota man’dhee akka rakkoolee haawaas-dinagdee, dhiyeessii tajaajilaa, bulchiinsa/gaarii, mancaatiifi faalama naannoofi kkf taasiseera. Bu’uuruma kanaan, Tarsiimoon Riifoormii Magaalota Oromiyaas ta’ee, hundeeffamni magaalaa SHAGGAR, rakkoolee kunneen gama lameeninuu jiran hundeerraa hiikuu irratti fuulleffatu.
Kaayyoo Hundeeffama Shaggar
Hundeeffamni magaalaa Shaggar galma lama qaba: tokko, yaadama magaalaa eenyummaa ummata naannaawa isaa jiru hammatuufi madaqsu diriirsuun, ummata Oromoofi magaalota walitti araarsuudha. Inni lammataa, rakkoolee yaadama, caaseffamaafi bulchiinsa magaalummaa boodatti hafoo irraa dhaalamuun calaqqee magaalota keenyaa ta’an hiikuun magaalaa modeela umuudha. Kun ammoo yaadamoota “smart, compact and polycentric city” irratti kan hundeesse yoota’u, magaalicha abbaa pilaanii hirmaannaa jiraattotaafi qoodafudhattootaa taasisuun jalqabeera.
Yeroodhaaf, yaadamoota sadeen dimshaashumatti gabaabbinaan haakaafnu: hundeeffamni magaalaa Shaggar, hammattoo laalama magaalaa “Ismartii” (smart city), “Giddugaleessaa Danuu” (policentric) fi “Bir’dhuu” (compact city)’tiin kan masakamedha. Kanaanis, bu’uuraalee misoomaa “ismaartii” babal’dhisuu, teeknoolojii odeeffannoofi qunnamtii (TQO) sadarkaa olaanatti hojiirra oolchuu, giddugalawwan magaalichaa adda addaa waliin walitti, akkasumas magaalichaafi naannawa isaa walitti hidhuu, bulchiinsafi tajaajila fooyya’e diriirsuudha.
Galmi magaalichaa, yaadamoota kanneen lafaan gahuun, hojiilee invastimantii, manufaakchariingii, qonna magaalaa, daldalaa, turizimii, ispoortii, barnootaa, haara galfii, bashannanaafi kkf babal’dhisuu, akkasumas nagaa-qabeessummaafi qulqullina naannoo mirkaneessuun magaalaa ammayyaa, hawwataafi giddugala misooma hunda-galeessaa ta’e dhugoomsudha. Gama caasaa olaanaatiin (suprastructure) magaalaa seenaa, aadaafi duudhaa ummata Oromoo qabate, hirmaannaa, guddinaafi fayyadamummaa waloo ummata magaalichaafi qonnaan bulaa naannawaa isaa mirkaneesse umuudha.
Walumaagalatti, galmi hundeeffama magaalichaa, gama tokkoon yaadama magaalaafi magaalummaa haaraa beeksisuudhaan, modeela magaalota naannoofi biyya keenyaa umuu yoota’u, gama biraatiin rakkoolee calaqqee magaalota keenyaa ta’an hiikuun, magaalaa jiruufi jireenya hawaasa magaalichaafi naannawa isaatiif mijate umuudha.
Gurmaa’insaafi Aangoo
Magaalaan Shaggar, Amajjii 1, bara 2015 dambii hundeeffamaa lak. 233/2015’niin kan hundaa’edha. Dabalataanis, akkaataa Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu MNO, lak. 242/2014, Keey. 73/1’n, gurmaa’insi, aangoofi hojiileen bulchiinsaa, akkasumas qaamoleen bulchiinsa magaalichaafi hojmaanni isaanii seeraan murtaa’era. Magaalaan Shaggar lafa hekt. 160,892. (km2 1,608.92) irratti argama.
Moggaasa Maqaa
Maqaan “SHAGGAR” jedhu kun, jaarrota hedduu duraa jalqabee, Oromoota biratti kan beekkamu ta’uu ragaan bal’dhinaan sassaabame ni agarsiisa. Hundeen isaas, jecha “Shaggaa” jedhurraa ka’ee, hiika “bareeda”, “miidhagaa” jedhu qabaachuu ragaaleen sassaabaman ni mul’dhisu. Maanguddoonni Oromoo wa’ee naannawichaa yeroo kaasan, “Shaggar lafa horaa, Shaggar lafa Tolaa” jedhuun lafa qabeenya hedduun badhaadhe ta’uu ibsu. Walumaagalatti, maqichi lafa bal’dhaa naannawa kanaa kan uwwisu, seenaa qabeessafi jaalatamaa ta’uun waan mirkanaa’ef, moggaasa magaalichaatiif filatameera.
Madda Furmaataa
Rakkoo Eenyummaa
Akkuma yeroo darbe kaasuuf yaalle, magaalonni biyya keenyaa, hundeeffama irraa jalqabee aadaa, duudhaa, calaqqee eenyummaa, walumaagalatti giddugaleessa fedhiin garee qeenxee itti leellifamuufi warri hafan itti moggeeffaman turan. Kanarraa kan ka’e, magaalonni, wiirtuulee ummanni keenya gama hundaan itti cabu turan. Olaantummaan caasaa olaanaa garee qeenxee, adeemsan, bifa olaantummaa siyaas-dinagdeefi hawwaasummaatti ol guddatee miidhaa ummata keenyarraan gahaa ture argineerra. ‘Dhugaa’ kana caaseffamaan jijjiiruuf hojiin hanga yeroo dhiwootti raawwatame kan hintuffatamne ta’us, sadarkaa ta’uu qabuun kan lafa qabate hinturre. Gama kanaan, hundeeffamni magaalaa Shaggar, magaalummaafi ummata keenya walgaarreffachuurraa gara walitti araaramuutti ceesisuudha.
Rakkoo Hirkattummaafi Hammattummaa
Magaalonni biyya keenyaa, ilaalcha boodatti hafaa ‘ta’ee nyaachuun naafmala’ (entitlement) ‘fiyudaalotaa’ caasessuu isaanirraa kan ka’e, saamtota (predator) baadiyyaa ta’uun maxxannee/silmii qonnaan bulaa qorqu ta’anii turan. Kana qofa miti. Adeemsa babal’dhifannaa lafaa keessa, qonnaan/horsiisee bulaa itti dhufan, itti fufiinsan dhiibufi buqqisuu malee, faayidaa waloo umuun hammachuu kan hinbeekne turan. Fakkeenyaaf, magaalaa Finfinnee yoofudhanne, babal’dhina lafaatiin hawaasa marfata ishee buqqisuurraa kan hafe carraa ta’uufi hindandeenye ture. Kun ammoo dhiibbaa hawaasicharra gahu kan lammeessu (double): tokko, lafa laguu eenyummaa isaa ta’uu; lama, sababa buqqaatii isaa ta’uu. Kanaaf, dhalachuun magaalaa Shaggar, adeemsa magaalummaa, baadiyyaa qorqu, eenyummaa ummata keenyaa cabsuufi jiraataa naannawa isaa ofirraa dhiibuu hambisuudha.
Rakkoo Faffacaatii Magaalota Xixiiqqoo
Hundeeffamni magaalaa Shaggar, faffacaatii magaalota xixiiqqoo waldangeessanii kan hambisuudha. Laga Xaafoo Laga Daadhii, Galaan, Sabbataa, Burraayyuufi Sulultaa, akkasumas gandoota baadiyaa naannawa isaaniitti argaman xiqqeessudhaan magaalaa dorgomaa, humna qabeessa, hunda galeessafi ittifufiinsa qabu umuu keessatti, fuula seenaa haaraa kan banudha.
Rakkoo Mijatummaa Bulchiinsaa
Magaalaan Shaggar, magaalaa jiraattota isaaf mijatu, akkasumas keessummoota isaa hawwatu taasisuuf qindoomina olaanadhaan hojjetamaa jira. Haaluma kanaan, hundeeffamni magaalaa Shaggar, magaalotaafi gandoota baadiyyaa magaalaa Finfinnee marsaan, mijatummaa kenna tajaajilaafi bulchiinsaa bu’uureffachuun walitti makeera. Yeroo ammaas, magaalota kanneen, akkasumas naannawa isaanii babal’dhina bu’uuraalee misoomaa “Ismaarti”tiin walitti hidhuun magaalaa kenniinsa tajaajilaafi bulchiinsatiin ammayyaa’e umuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Rakkoo “Primacy City”
Abbummaa magaalaa mirkaneessuuf hojiwwaan gurguddoon gama hawaas-dinagdeefi aadaan hojjetamu qofti gahaa miti. Karaa barameen alatti yaaduufi hojjechuun addunyaa si’anaa keessatti dhimma ijoodha. Finfinneen magaala lammaffaa biyya kanaa dachaadhaa oliin caalti. Kun ammoo gahee magaalaa ‘daran dursoo’ (mega city primacy) kenneefii jira. Kanaaf, gahee dursummaa magaalaa tokko hambisuun facaatiifi waliingahiinsa wiirtuu dinagdee, daldalaa, barnootaa, saayinsii, tajaajilaafi kkf kan sirreessudha.
Walumaagalatti, magaalaan Shaggar bu’aa qabsoo ummata Oromooti. Erga xiiqii guddaadhan gama hojii qabatamaa keessa galee Amajjii 1, bara 2016 waggaa tokko lakkoofsiseera. Adeemsa waggaa tokkoo kanaan, sochiin araarama tokko malee alseerummaatti adaba horuuf taasifame fakkeenyummaa guddaa kan qabudha. Shaggar, magaalaa bu’uurummaa eenyummaa, seenaa, aadaafi duudhaa ummata keenyaa irraa dhaabbachuun, wiirtuu hawwata misooma — invastimentii, industirii, qonna magaalaa, teeknooloojii, qunnamtii odeeffannoo, dandeettii kalaqaa, turizimiifi daldalaafi kkf , ta’ee argamuu qabateedha. Akkuma Oromoon “SHAGGAR Lafa Horaa, SHAGGAR Lafa Tolaa” jedhu, Shaggar magaalaa jiraataan qabeenya itti horatuufi itti hofkalu taasisuuf halkaniifi guyyaa kan hojjennu ta’a.

Hardha Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hatamuu dhageenye.

Hardha Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hatamuu dhageenye. Baankichi hatamuu qofaa miti Eda sa’aatii 6 – 9 balballi banamuu oduuleen tokko tokko ifoomsaniiru.
Gidduu kanatti baankicharratti hanni raawwatamuu Baanichi amaneera. Kanas kallattii fi alkallattiin ifoomsan! Yuunivarsiitiileen Jimmaa, Finfinnee, Dirre Dawa fi Dillaa fa’a fakkeenya ijoo jedhamanii odeeffamaa jiru. Yuuivarsiitiileen kunneen Barattoota Tekinoolojiitiin ‘Mallaqa saamtan deebisaa, ykn tarkaanfii seeraa fudhanna…’ jedhamee karaa Yuunivarsiitiilee ibsi bahe Yuunivarsiitiilee keessatti labsameera.
Taateen edaa kun waan baayee nutti agarsiisa. Baankiin hatamuun waan haaraa tahuu baatuyyuu Baankiin Daldalaa Itoophiya ibsa baaseen ‘Baankiin keenya hin hatamne rakkoo keessooti..’ jedhee ibsa baaseera, rakkoon uumame furamuus ibseera. Ibsa baankichichaa irra dhaabbannee ija ogummaatiin waan tokkoof lama dubbanna:
1) Baankicha rakkoon guddaan(Kisaaraan) mudachuun ifatti muldhateera. Rakkinnichi guddaa tahuus ifatti muldhateera.
Akkamitti?:- Baankiin kun baankii Ummataa guddicha Kaappitaala waliigalaa Tiriiliyoona 1.3(1.3 trillion) ol qabu waan taheef rakkoon mudate salphaa osoo tahee fkn. Mallaqa muraasa barattootni Yuunivarsiitiilee ATM qofaan baafatan osoo ta’ee keessoma isaatti dhokfatee hambisa malee ummata biratti akka dhagahamu gadi hin baasu. Odeeffannoo keessoo godhee dhokfatee maqaa fi amanamummaa isaa tursiifachuu filata malee kisaaraa xixiqqaa hanga Bil.5-10 osoo tahee ummatni akka dhagahu hin godhan, osoo ummanni dhagahee marsaalee hawaasaa irratti odeeffames #soba tahuu ibsuudhaan miidiyaalee Ummataatiin ibsi kennamee taasgabbii uumuu yaaliin taasifama. Ammatti garuu kun hin taane, inumaayyuu dabootu waamame, Yuunivarsiitiileen barattiota doorsisanii mallaqa deebisaa jechaa jiru, Baankichi irra deddeebiin ibsa baasaa jiraachuu argina.
Addunyaa Tekinoolojiin qaroomte tana keessatti Rakkooleen walfakkaataan yeroo mudatu, waan haaraa miti, inumaayyuu caalatti baramaa dhufaa jira. Asuma kaluu 08-Onk-2020, Biyya Ugaandaatti Baankotaafi Cimdaa(Network) MTN, Airtel irratti Hanni gaggeeffameen saamichi Mallaqa Qar.Itoophiyaa Bil.18 ol qaqqabeera. Baruma darbe Sadaasa keessa hanni guddaan Baankii Chaayinaa ICBC irra qaqqabe, Mootummaa Ameerikaatu hamatamaa ture.
Haaluma kanaan Rakkoon Sirnaa(system Problem) Baankii daldalaa eda kan uumame Halkan walakkaa Edaa Sa’aatii 6 hanaga sa’aatii 9ti jedhameera.
Rakkoo uumame kanaan Namootni ykn Maamilootni baankichaa ATM qaban Bakka ATMn baankichaa jiru qaamaan deemanii Mallaqa hamma barbaadan ajajachuudhaan baafachuuf carraa argataniiru jedhameera. Kana jechuun ATMdhaan akka Mallaqani baafamu balballi banamee ture jechuudha.
Kun kan agarsiisu: Gareen keessaa qaama ala jiru wajjiin hariiroo qabutu ykn qaama wayiitiif balbala banee namootni/gareen qophaayan sa’aatii jedhametti Mallaqa Callaa(Cash) akka baafataniif haaldureen qophaayee waan tureef ATM Baankichaa damee kamuu irraa Mallaqa hanga feete(kan ofii keetii hin qabne Lakkoofsa baankichaa irraa hamma barbaddu…’ akka baafattu haala mijataaa qophaayetu ture jechuudha. Kana jechuun akka ani dur beekutti ATMn tokko guyyatti Mallaqa Qar.Kuma.10 ol hin baasu, Eda yeroo rakkoon uumametti garuu Mallaqa hanga barbaadde baasuu ni dandeessu jedhameera.
Maal kana qofaree, Bilbila keenyaan(Mobile banking) dhaan ammoo mallaqa hanga barbaadne itti barreessine gara lakkoofsa baankii(Account) barbaadnetti dabarsuu akka danda’amu ibsameera. Kun maal agarsiisa?
Fkn:- Dargaggeessi Mil.1 Baankii irraa dabarfate barbaacha addaa godhameen too’atamuun himameera. Addatti ammoo naannolee Yuunivarsiitiilee Jimmaa, Finfinnee, Dirre Dawa fi kkf irratti bifa addaatiin Yuunivarsiitiileen ibsa baasuudhaan Barattootni Mallaqa Baankciha irraa baasan akka deebisan ibsa Xalayaa doorsisa fakkaatuun baasanii mooraa keessatti maxxansaa jiran argineerra.
Haala kanaan sa’aatii jedhametti Maamiltootni baankichaa(Qotee bulaan, Barataan, Daldalaa, Hojjataan, Addatti ammoo Gareen balballi banameef(shakkii kooti)….) Mallaqa hamma barbaadan baafataniiru, kuun gara lakkoofsa biraa dabarfataniiru, kuun gara baankota biraa dabarfataniiru. Inumaayyuu Naannoo tokko tokkotti namootni ATMoota adda aaddaa keessaa Konkolaataa dhaabanii mallaqa baasanii konkolaatatti fe’uu fa’anis odeeffannoon jedhu argineerra(Dhugummaasaa mirkaneeffachuu baannus…).
Amma Taateen Baankii Daldala Itoophiyaa(CBE) eda mudate jedhame gabaabinaan yoo ilaalle:
2) Baankichi Ibsa baaseen, Rakkoon mudachuu amanus rakkoon mudate hattoota alaa(External attach) osoo hin taane rakkoo keessoo tahuu amaneera.
Asitti gaaffii ijoo lamatu ka’uu qaba:
2.1) Rakkoon keessoo rakkoo Sirnaa(internal system Problem) dhaa? – Deebiin isaanii ifaa miti. Sirna kenna tajaajila moobaayilaa(Mobile banking System ) tajaajila kennaa ture maaltu balaaf saaxile? Sirni kenna tajaajila moobaayilaa fi ATM(Mobile banking System & ATM ) yoo rakkoo sirnaa(System) tahe tajaajila kennuu dhaaba malee hannaaf balballi akka banamu hin taasisu. Kanaafuu rakkoo Sirna kenna tajaajila moobaayilaa fi ATM(Mobile banking System & ATM )keessoo kufe hin fakkaatu jechuudha.
2.2) Inni 2.1 irratti jenne sirrii tahuu baannaan Baankicha irratti AGGAAMMIIN(Attack) RAAWWATAMEERA jechuudha.
Rakkoon uumame kan Baankicha hannaaf saaxile tahuu ragaan qabatamaa erga bahee, Aggaammiin Baankicha irratti raawwatame dhugaa taha. Aggaammiin raawwatame ammoo gosa 2tti hirree ilaaluu dandeenya. Isaanis:-
2.2.1) Aggaammii Keessoo(Internal Attack):- Aggaammiin akkasii Caasaa Keessoo dhaabbatichaatu balbala bane jechuudha. Caasaan keessoo dhaabbaticha kophatti balbala banaaree yoo jennes innis gaaffii biraati. Haala baratamaan Aggaammii keessoo yoo ilaalle, Namootni ykn garee wayii kan faayidaa dhuunfaa(Personal oriented), faayidaa siyaasaa(Political benefit), Faayidaa Garee/gandaa(Group/ethnic advantage) fi kkf irratti hundaayuun ijaaramanii ykn qindaayanii qaama ala jiru wajjiin qindaayuudhaan balbala dhaabbatichaa akka banamu taasisaniidha. Ibsa Baankiin Daldala Itoophiyaa(CBE) baase irra dhaabbachuun rakkoo baankicha mudate as jalatti waan ramadamu fakkaata.
Fkn:- Rakkoon Baankicha mudate yoo ilaalle, Gareen/Hojjattootni Baankichaa qaama alaa wajjiin hariiroo qabani wajjiin saganteeffatanii Halkan sa’aatii jedhame sanatti sirni kenna tajaajila mobile fi ATM (Mobile banking services & ATM) akka hin hojjanne yoo taasisan gareen isaanii alaa qophaaye osoo rakkoon tokko isaan hin mudanne mallaqa barbachisu dameewwan filatamoo dursa qophaaye irraa akka baafatan, kaanis ATM akka dabarfatan taasisuuf haalduree(#woxamadii) qophaaye ta’innaa shakkii jedhuudha…. Carraa kanaan Barattootni Tekinoolojii Yuunivarsiitiillee Muraasa eeraman irraa ammoo tasa arganii odeeffannoo waliif dabarsuun carricha fayyadamuuf yaalii taasisan fakkaata….
(Yaadni kun bu’uura ibsa baankichi baase irradhaabbadhee kan tilmaameedha….)
2.2.2) Aggaammii Alaatiin kan Baankichi Cabe taha.
Kana jechuun Qaama alaa seenee rakkoo uumetu jira jechuudha. Kun ta’ee argamnaan Ibsa baankichi rakkoo keessooti jedhee baase soba taasisa, kanaafuu hanni alaa seene jira jechuudha waan taheef Baankicha irratti hanni hin raawwatamne jechuun dogoggora ta’a. Aggaammii alaatiin tarkaanfiin fudhatamu qaamni tarkaanfii fudhatus kan faayidaa sana irraa fayyadamus qophaayee tarkaanfiin fudhatama waan taheef.
Rakkoon akkasii kan mudatu qaama alaatu karoorfatee qindaayee, odeeffannoolee barbaachisaa funaannatee qophaayeen waan uumamuuf, galma barbaadame yeroo gabaabatti kan galmaan gahuudha. Rakkoon haala kanaan uumamu kan qindaayee fi qaamni fayyadamaa ta’u qophaayee tarkaanfii fudhatu waan ta’eef Balaan qaqqabsiisu baay’ee olaanaa fi salphaatti too’achuuf kan rakkisu ta’uu mala.
Gabaabumatti, Miira Ibsa Baankichaa, Ibsa Yuunivarsiitiilee fi Miidiyaaleen Mootummaa(Public Medias) waljalaa fuudhanii hafarsaa jiran irraa kan hubannu ifatti rakkoon guddaan uumamuu kan agarsiisu tahee natti muldhateera.
Walumaagalatti, rakkoon uumame rakkoo saayibariiti. Aggaammiin saayibarii kun ammoo caluma jedhee gan raawwatame tahuu kan agarsiisu, dhaabbata diinagdee guddicha biyyattiin qabdu(the leading company) , Baankii Daldalaa(CBE) biyyi tokko(Mootummaan) amanu ykn abdatu irratti ta’uusaati.
Akkuma Sadsarkaa Idil.Addunyaatti, Dhaabbatni Baankii tokko xiyyeeffannoo aggaammii saamichaa jala kan galu caluma jedhamee osoo hin taane kaayyoo/karooraa, galmaa, icciitii biyya dadhabsiisuu/kuffisuu fi kkf bu’uureffachuudhaan ogeeyyii/ogeessota keessaa/alaa qindeessuudhaan aarsaa barbaachisu kafaluu, hanga gocha badanii balleessuu(sacrifecs in any costs), gochuudhaan saamicha raawwachuu barbaadanis dursaan kan qindaayu yoo tahu garee keessoo fi alaatiin haaldureewwan mijataan akka qophaayu kan taasifamu taha.
Saamichi Baankii Daldalaa(CBE) irratti raawwatame wantoota kanaan walfakkeessan qaba natti fakkaata.
Dhumarratti, akka qorannooleen adda addaa agarsiisanitti, Sad.Idil-Addunyaatti Aggaammiiwwan saamichaa Baankota irratti raawwatamanii fi raawwatamaa jiran, gosoota hedduu jiran keessaa:
a) Hanna sobaa(scamming) ergaa gabaabaa namoota dhuunfatti erguudhaan fayyadamtoota sobanii mallaqni karaa sobaa akka ergamuuf taasisaniidha. Isaanis kaayyoo fi hanna dhuunfaatiif kan dhimma bahaniidha. Itoophiyaa keessatti hanni kun bubbuleera. Namoota hubannoo hin qabne ‘Lotoriin isiniif baheera…’ jechuun mallaqa irraa fudhataa turan, fudhataas jiru.
b)Hanna sobaa(Fakkeessitoota – fishing) – Unkaa sobaa akka guunnu nutti ergamee, yoo nuti unkaa sana guunne, ragaa achirraa fudhataniin nu fakkaatanii seenanii Bank hatuun biyyoota guddatan keessatti beekamaadha, keessattuu yoo ‘card kafalatii’ qabaannu… Kunis Hanna Namoota dhuunfaa irratti godhamu
c) Saamicha Humnaa(gareen qindaaye Baankii saamuuu…)
c.1) Humnaan Meeshaan saamuu
c.2) Tekinoolojiin saamuu… Waan CBE irratti tahe kana fakkkatu kana.
d) App sobaa, ATM hatuun, fikkf hanna karaa baankii raawwatamaa jiran yoo tahu, Hanni cimaan qindoominaan raawwatamu kan gareen ykn qaama qindaayeen raawwatamu kan baankichaa fi biyya irrattis balaa geessuu danda’u akka tahe qoraannooleen ni addeessu.
Yaadni olitti ibsame yaada dhuunfaa koofi odeeffannoo marsaalee interneetaa irraa funaaname ragaa rakkoo baankii dandalaa irratti uumame wajjiin kan walitti qindeessee kan qopheesse hubannoo uumuufis tahee fuulduraaf barnoota tahuu danda’a bifa jedhuun isiniif kan qopheesse ani obboleessa keessan Abdisa Bancha Jara dha.
Yoon dogoggoraa qabaadhe na sirreessaa!
Galatoomaa